< 2 Seenaa 3 >
1 Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha.
ソロモン、ヱルサレムのモリア山にヱホバの家を建ることを始む彼處はその父ダビデにヱホバの顯はれたまひし所にて即ちヱブス人オルナンの打場の中にダピデが備へし處なり
2 Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
之を建ることを始めたるはその治世の四年の二月二日なり
3 Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse.
神の家を建るためにソロモンの置たる基は是のごとし長六十キユビト濶二十キユビト皆古の尺に循がふ
4 Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise.
家の前の廊は家の濶にしたがひてその長二十キユビトまたその高は百二十キユビトその内は純金をもて蔽ふ
5 Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse.
またその大殿は松の木をもて張つめ美金をもて之を蔽ひその上に棕櫚と鏈索の形を施こし
6 Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture.
また寶石をもてその家を美しく飾るその金はパルワイムの金なり
7 Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
彼また金をもてその家その樑その閾その壁およびその戸を蔽ひ壁の上にケルビムを刻つく
8 Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii dhibba jaʼa itti uffise.
また至聖所の家を造りしがその長は家の濶にしたがひて二十キユビトその濶も二十キユビト、美金をもてこれを蔽ふその金六百タラント
9 Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
その釘の金は重五十シケルまた上の室も金にて覆ふ
10 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise.
また至聖所の家の内に刻鐫めたる二のケルビムを造り金をこれに覆ふ
11 Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
そのケルビムの翼は長二十キユビト此ケルブの一の翼は五キユビトにして家の壁に達しその他の翼も五キユビトにして彼のケルブの翼に達す
12 Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa.
また彼ケルブの一の翼は五キユビトにして家の壁に達しその他の翼も五キユビトにして此ケルブの翼と相接はる
13 Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
是等のケルビムの翼はその舒ひろがること二十キユビト共にその足にて立ちその面を家に向く
14 Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
彼また靑紫赤の布および細布をもて障蔽の幕を作りケルビムをその上に繍ふ
15 Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan.
また家の前に柱二本を作るその高は三十五キユビトその頂の頭は五キユビト
16 Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise.
また環飾を造り鏈索を之に繞らしてこれを柱の頂に施こし石榴一百をつくりてその鏈索の上に施こす
17 Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.
この柱を拝殿の前に竪て一本を右に一本を左に置ゑ右なる者をヤキンと名け左なる者をボアズと名く