< 1 Saamuʼeel 3 >

1 Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Waaqayyoon tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.
Yule mtoto Samweli alimtumikia BWANA chini ya uangalizi wa Eli. Neno la BWANA halikupatikana kwa wingi siku hizo; hapakuwa na maono ya mara kwa mara ya kinabii.
2 Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture.
Wakati huo, nguvu ya macho ya Eli ilikuwa imefifia kiasi cha kutoweza kuona vizuri, na alikuwa amelala kitandani mwake.
3 Saamuʼeelis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture.
Ile taa ya BWANA bado ilikuwa bado inawaka, na Samweli alikuwa amelala katika nyumba ya BWANA, palipokuwa na sanduku la Mungu.
4 Waaqayyos Saamuʼeelin ni waame. Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise.
BWANA akamwita Samweli, naye akaitika, “Niko hapa”
5 Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise.
Samweli alimwedea Eli na kusema, “Niko hapa, sababu uliniita.” Eli akasema, “Sikukuita; kalale tena.” Hivyo Samweli akarudi na kulala.
6 Ammas Waaqayyo, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen.
BWANA akamwita tena, “Samweli.” Saamweli aliamka tena na kwenda kwa Eli na kusema, Niko hapa, sababu umeniita.” Eli akajibu, “Sijakuita, mwanangu; kalale tu tena.” 8
7 Yeroo sana Saamuʼeel Waaqayyoon hin beeku ture; dubbiin Waaqayyos isaaf hin ibsamne ture.
Basi Samweli bado hakuwa na uzoefu kuhusu Bwana, wala hakuwahi kupata ujumbe wowote kutoka kwa BWANA ukifunuliwa kwake.
8 Waaqayyo yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eliin yeroo kana akka Waaqayyo mucicha waamaa ture hubate.
BWANA akamwita tena Samweli kwa mara ya tatu. Samweli alinyanyuka tena na kwenda kwa Eli na kusema, “Niko hapa, sababu uliniita,” Ndipo Eli alitambua kwamba BWANA alimwita kijana.
9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Waaqayyo dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise.
Kisha Eli aka, mwambia Samweli, “Nenda ukalale tena; ikiwa atakuita tena, sharti useme, 'Sema, BWANA, maana mtumwa wako anasikiliza.”' Hivyo Samweli akaenda na kulala mahali pake tena.
10 Waaqayyos dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe.
BWANA alikuja na kusimama; akaita vilevile kama vile mwanzoni, “Samweli, Samweli.” Ndipo Samweli akasema, “Nena, kwa sababu mtumwa wako anasikiliza.”
11 Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira.
BWANA akasema na Samweli, “Tazama, Niko tayari kufanya jambo katika Israeli ambalo masikio ya kila mmoja akisikia atashtuka. -14
12 Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida.
Siku hiyo nitatimiza kila kitu nilichokisema dhidi ya Eli kuhusu nyumba yake, kutoka mwanzo hadi mwisho.
13 Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine.
Nimemwambia kwamba niko tayari kuhukumu nyumba yake mara moja kwa ile dhambi aliyoifahamu, kwa sababu watoto wake walijiletea laana juu yao wenyewe na hakuwazuia.
14 Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.”
Hii ndiyo sababu nimeapa kwa nyumba ya Eli, kwamba dhambi za nyumba yake hazitasahehewa kwa dhabihu au kwa sadaka kamwe.” 16
15 Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Waaqayyoo bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture.
Samweli akalala hadi asubuhi; baadaye alifungua milango ya nyumba ya BWANA. Lakini Samweli aliogopa kumwambia Eli kuhusu maono hayo.
16 Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen.
Kisha Eli akamwita Samweli na kusema, “Samweli, mwanangu.” Samweli akasema, “Niko hapa.” 18
17 Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe.
Akamuuliza, “Ni neno gani alilokusemesha? Tafadhali usinifiche jambo hilo. Mungu akutendee hivyo na kukuzidishia, endapo utanificha kitu chochote kati ya yote ambayo amesema nawe.”
18 Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni Waaqayyoo dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe.
Samweli akamweleza kila kitu; hakumficha jambo lolote. Eli akasema, “Ni BWANA. Na afanye linaloonekana jema kwake.”
19 Saamuʼeel guddachaa deeme; Waaqayyos isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture.
Samweli akakua, na BWANA alikuwa pamoja naye na hakuacha kutimiza maneno yake ya unabii.
20 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii Waaqayyoo taʼee fudhatame beekan.
Israeli yote tokea Dani hadi Beersheba walijua kwamba Samweli aliteuliwa kuwa nabii wa BWANA.
21 Waaqayyo ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii.
Naye BWANA alionekana tena huko Shilo, maana alijifunua mwenyewe kwa Samweli huko Shilo kwa neno lake.

< 1 Saamuʼeel 3 >