Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, 1-Samuel Chapter 3 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/1-Samuel/3 1) Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Waaqayyoon tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture. 2) Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture. 3) Saamuʼeelis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture. 4) Waaqayyos Saamuʼeelin ni waame. Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise. 5) Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise. 6) Ammas Waaqayyo, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen. 7) Yeroo sana Saamuʼeel Waaqayyoon hin beeku ture; dubbiin Waaqayyos isaaf hin ibsamne ture. 8) Waaqayyo yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eliin yeroo kana akka Waaqayyo mucicha waamaa ture hubate. 9) Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Waaqayyo dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise. 10) Waaqayyos dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe. 11) Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira. 12) Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida. 13) Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine. 14) Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.” 15) Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Waaqayyoo bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture. 16) Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen. 17) Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe. 18) Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni Waaqayyoo dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe. 19) Saamuʼeel guddachaa deeme; Waaqayyos isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture. 20) Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii Waaqayyoo taʼee fudhatame beekan. 21) Waaqayyo ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!