< 1 Saamuʼeel 3 >
1 Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Waaqayyoon tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.
The child Samuel served Yahweh under Eli. Yahweh's word was rare in those days; there was no frequent prophetic vision.
2 Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture.
At that time, when Eli, whose eyesight had begun to grow dim so that he could not see well, was lying down in his own bed.
3 Saamuʼeelis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture.
The lamp of God had not yet gone out, and Samuel was lying down to sleep in the temple of Yahweh, where the ark of God was.
4 Waaqayyos Saamuʼeelin ni waame. Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise.
Yahweh called to Samuel, who said, “Here I am.”
5 Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise.
Samuel ran to Eli and said, “Here I am, for you called me.” Eli said, “I did not call you; lie down again.” So Samuel went and lay down.
6 Ammas Waaqayyo, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen.
Yahweh called again, “Samuel.” Again Samuel rose and went to Eli and said, “Here I am, for you called me.” Eli answered, “I did not call you, my son; lie down again.”
7 Yeroo sana Saamuʼeel Waaqayyoon hin beeku ture; dubbiin Waaqayyos isaaf hin ibsamne ture.
Now Samuel did not yet have any experience of Yahweh, nor had any message from Yahweh ever been revealed to him.
8 Waaqayyo yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eliin yeroo kana akka Waaqayyo mucicha waamaa ture hubate.
Yahweh called Samuel again the third time. Again Samuel got up and went to Eli and said, “Here I am, for you called me.” Then Eli realized that Yahweh had called the boy.
9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Waaqayyo dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise.
Then Eli said to Samuel, “Go and lie down again; if he calls you again, you must say, 'Speak, Yahweh, for your servant is listening.'” So Samuel went and lay down in his own place once more.
10 Waaqayyos dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe.
Yahweh came and stood; he called as at the other times, “Samuel, Samuel.” Then Samuel said, “Speak, for your servant is listening.”
11 Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira.
Yahweh said to Samuel, “See, I am about to do something in Israel at which the ears of everyone who hears it will tingle.
12 Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida.
On that day I will carry out against Eli everything I have said about his house, from beginning to end.
13 Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine.
I have told him that I am about to judge his house once for all for the sin that he knew about, because his sons brought a curse upon themselves and he did not stop them.
14 Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.”
Because of this I have sworn to the house of Eli that the sins of his house will never be atoned for by sacrifice or offering.”
15 Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Waaqayyoo bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture.
Samuel lay down until morning; then he opened the doors of the house of Yahweh. But Samuel was afraid to tell Eli about the vision.
16 Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen.
Then Eli called Samuel and said, “Samuel, my son.” Samuel said, “Here I am.”
17 Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe.
He said, “What was the word he spoke to you? Please do not hide it from me. May God do so to you, and even more, if you hide anything from me of all the words that he spoke to you.”
18 Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni Waaqayyoo dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe.
Samuel told him everything; he hid nothing from him. Eli said, “It is Yahweh. Let him do what seems good to him.”
19 Saamuʼeel guddachaa deeme; Waaqayyos isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture.
Samuel grew up, and Yahweh was with him, and he let none of his prophetic words fall to the ground.
20 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii Waaqayyoo taʼee fudhatame beekan.
All Israel from Dan to Beersheba knew that Samuel was appointed to be a prophet of Yahweh.
21 Waaqayyo ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii.
Yahweh appeared again in Shiloh, for he revealed himself to Samuel in Shiloh by his word.