< 1 Saamuʼeel 29 >

1 Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan.
Filistiyawa suka tattara dukan rundunoninsu a Afek. Isra’ila kuwa suka yi sansani kusa da maɓulɓular da take Yezireyel.
2 Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan.
Sa’ad da sarakuna Filistiyawa suke wucewa da rundunarsu na mutum ɗari-ɗari da na dubu-dubu. Dawuda da mutanensa suna biye a baya tare da Akish.
3 Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan. Aakiishis deebisee, “Kun Daawit qondaalticha Saaʼol mooticha Israaʼel sanaa mitii? Inni waggaa tokko caalaa na wajjin ture; gaafa inni Saaʼolin dhiisee jalqabee hamma ammaatti ani yakka tokko illee isa irratti hin argine” jedhe.
Komandodin Filistiyawa suka ce, “Waɗannan Ibraniyawa kuma fa?” Akish ya ce, “Wannan shi ne Dawuda hafsan Shawulu, sarkin Isra’ila. Yana nan tare da ni shekara guda ke nan. Ban kuwa taɓa samunsa da wani lahani ba tun daga ranar da ya bar Shawulu.”
4 Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa?
Amma komandodin Filistiyawa suka yi fushi, suka ce, “Ka sa mutumin nan yă koma zuwa wurin da ka ba shi yă zauna. Ba zai bi mu zuwa wurin yaƙi ba. Yana iya juya a kanmu lokacin yaƙin. Zai iya yin amfani da wannan zarafi yă ciccire kawunanmu don yă faranta wa maigidansa rai?
5 Daawit kun namichuma isaan, “‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii sirbanii shubbisaniif sana mitii?”
Tuna fa, ba shi ne Dawuda ɗin da ake girmama da rawa da waƙoƙi ana cewa, “‘Shawulu ya kashe dubbai, Dawuda kuwa dubbun dubbai ba’?”
6 Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati nama amanamaa turte; ani utuu ati na wajjin loltoota keessa tajaajiltee nan gammada. Gaafa ati na bira dhuftee jalqabee hamma harʼaatti ani yakka tokko illee sirratti hin argine; garuu bulchitoonni si hin fudhanne.
Saboda haka Akish ya kira Dawuda ya ce masa, “Muddin Ubangiji yana a raye, na amince da kai tun daga ranar da ka zo wurina har yă zuwa yau, ban same ka da wani laifi ba, na kuma yi farin ciki in sa ka a cikin sojojina don ka yi mini aiki. Amma masu mulki nawa ba su yarda da kai ba.
7 Deebiʼii nagaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu tokko illee hin hojjetin.”
Sai ka juya ka koma ka isa lafiya ba tare da ɓata wa masu mulkin Filistiyawa rai ba.”
8 Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate.
Dawuda ya ce wa Akish, “Me na yi? Ka taɓa samun bawanka da laifi tun daga ranar da na zo har zuwa yanzu? Ina dalilin da ba zan tafi tare da kai in yaƙi maƙiyin ranka yă daɗe, sarki ba?”
9 Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru.
Akish ya ce, “A ganina kai marar laifi ne kamar mala’ikan Allah, duk da haka shugabannin sojojin Filistiyawa sun ce, ‘Ba zai tafi yaƙi tare da mu ba.’
10 Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.”
Ka tashi da sassafe, kai da bayin shugabanka da suka zo tare da kai. Da gari ya waye sai ku kama hanya.”
11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan.
Gari na wayewa tun da sassafe Dawuda da mutanensa suka tashi suka kama hanyar komawa ƙasar Filistiyawa. Filistiyawa kuwa suka haura zuwa Yezireyel.

< 1 Saamuʼeel 29 >