< Ruut 1 >
1 Bara abbootiin murtii bulchaa turanitti beelli biyyatti buʼe; namichi Beetlihem Yihuudaa keessa jiraatu tokko niitii isaatii fi ilmaan isaa lamaan fudhatee biyya Moʼaab jiraachuu dhaqe.
A kwanakin da mahukunta suke mulki an yi yunwa a ƙasar, sai wani mutum daga Betlehem a Yahuda tare da matarsa da’ya’yansu maza biyu, suka tafi su yi zama na ɗan lokaci a ƙasar Mowab.
2 Maqaan namichaa Eliimelek, maqaan niitii isaa Naaʼomiin, maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Mahiloonii fi Kiliiyoon jedhama ture. Isaanis namoota Efraataa kan biyya Yihuudaa Beetlihem keessa jiraatan turan. Jarris biyya Moʼaab dhaqanii achi jiraatan.
Sunan mutumin, Elimelek ne, sunan matarsa Na’omi; sunayen’ya’yan nan nasu biyu, su ne Malon da Kiliyon. Su Efratawa ne daga Betlehem ta Yahuda. Suka kuwa tafi Mowab suka zauna a can.
3 Eliimelek dhirsi Naaʼomiin ni duʼe; isheenis ilmaan ishee lamaan wajjin hafte.
To, Elimelek mijin Na’omi ya rasu, aka bar ta da’ya’yanta maza biyu.
4 Isaanis dubartoota Moʼaab fuudhan; isheen tokko Orphaa kaan immoo Ruut jedhamti. Erga isaan waggaa kudhan achi jiraatanii booddee,
Suka auri mata Mowabawa, sunan ɗaya Orfa ɗayan kuma Rut. Bayan sun zauna a can kamar shekara goma,
5 Mahiloonii fi Kiliiyoon ni duʼan. Naaʼomiinis ilmaan ishee lamaanii fi dhirsa ishee dhabdee kophaa hafte.
sai Malon da Kiliyon suka mutu su ma, aka kuma bar Na’omi babu’ya’yanta maza biyu da kuma mijinta.
6 Isheenis utuu Moʼaab jirtuu akka Waaqayyo saba isaa yaadatee nyaata kenneef dhageesse; Naaʼomiinii fi Niitonni ilmaan ishees gara biyya isheetti deebiʼuuf qophaaʼan.
Sa’ad da ta ji a Mowab cewa Ubangiji ya zo don yă taimaki mutanensa ta wurin tanada musu da abinci, sai Na’omi tare da surukanta suka shirya su koma gida daga can.
7 Isheenis iddoo jiraachaa turtee kaatee niitota ilmaan ishee wajjin gara biyya Yihuudaatti deebiʼuuf karaa qabatte.
Tare da surukanta biyu suka bar inda suka zauna suka kuma kama hanya da za tă komar da su zuwa ƙasar Yahuda.
8 Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; “Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana Waaqayyo isiniif haa arjoomu.
Sai Na’omi ta ce wa surukanta biyu, “Ku koma, kowannenku, zuwa gidan mahaifiyarta. Bari Ubangiji yă nuna muku alheri yadda kuka nuna wa matattun nan da kuma gare ni.
9 Waaqayyo tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu.” Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii
Bari Ubangiji yă sa kowannenku ta sami hutu a gidan wani miji.” Sa’an nan ta sumbace su suka kuma yi kuka da ƙarfi
10 “Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina” jedhaniin.
suka ce mata, “Za mu tafi tare da ke zuwa ga mutanenki.”
11 Naaʼomiin garuu akkana jette; “Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa?
Amma Na’omi ta ce, “Ku koma gida,’ya’yana mata. Don me za ku tafi tare da ni? Zan ƙara samun waɗansu’ya’ya maza da za su zama mazanku ne?
12 Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee,
Ku koma gida’ya’yana mata; na tsufa ainun da zan sāke samun wani miji. Ko ma na yi tsammani har yanzu ina da bege, ko ma na sami miji a wannan dare na kuma haifi’ya’ya maza,
13 isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki Waaqayyoo natti garagaleeraatii!”
za ku jira sai sun yi girma? Za ku ci gaba da kasance babu aure saboda su? A’a,’ya’yana mata. Ina da baƙin ciki ƙwarai fiye da ku, domin hannun Ubangiji ya yi gāba da ni!”
14 Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
A kan wannan suka sāke ɓarke da kuka. Sa’an nan Orfa ta sumbaci surukarta ta yi bankwana, amma Rut ta manne mata.
15 Naaʼomiinis, “Kunoo, waarsaan kee gara saba isheetii fi waaqota isheetti deebiʼaa jirti. Atis ishee wajjin deebiʼi” jetteen.
Sai Na’omi ta ce, “Duba,’yar’uwanki ta koma zuwa ga mutanenta da kuma allolinta. Ki koma tare da ita.”
16 Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.
Rut Amma Rut ta amsa, “Kada ki roƙe ni in bar ki ko in koma daga gare ki. Inda za ki, zan tafi, kuma inda za ki zauna, zan zauna. Mutanenki, za su zama mutanena kuma Allahnki, zai zama Allahna.
17 Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme Waaqayyo na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu.”
Inda za ki mutu zan mutu, zan mutu a can kuma za a binne ni. Bari Ubangiji ya hukunta ni da tsanani sosai, in wani abu in ba mutuwa ce ta raba ke da ni ba.”
18 Naaʼomiinis yeroo akka Ruut ishee wajjin deemuuf murteessite hubattetti ishee dirqisiisuu dhiifte.
Sa’ad da Na’omi ta gane cewa Rut ta ƙudura tă tafi tare da ita, sai ta daina nema tă koma.
19 Kanaafuu dubartoonni lachuu hamma Beetlihemitti deeman. Yommuu isaan Beetlihem gaʼanittis sababii isaaniitiif guutummaan magaalattii raafamte; dubartoonnis, “Isheen kun Naaʼomiinii?” jedhan.
Saboda haka matan biyu suka ci gaba da tafiya sai da suka isa Betlehem. Da suka isa Betlehem, sai dukan garin ya ruɗe saboda su, matan kuwa suka ce, “Na’omi ce wannan kuwa?”
20 Isheenis akkana isaaniin jette; “Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa.
Ta ce musu, “Kada ku kira ni Na’omi. Ku kira ni Mara gama Maɗaukaki ya sa raina ya yi ɗaci sosai.
21 Ani harka guutuudhaan baʼe; Waaqayyo garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? Waaqayyo na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii.”
In tafi cikakke, amma Ubangiji ya dawo da ni ba kome. Don me kuke kirana Na’omi? Ubangiji ya wahalshe ni, Maɗaukaki ya kawo mini masifa.”
22 Kanaafuu Naaʼomiin, niitii ilma ishee Ruut Moʼaabittii wajjin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Moʼaabii gara Beetlihemitti deebite.
Na’omi fa ta koma daga Mowab tare da Rut mutuniyar Mowab, surukarta, suka kai Betlehem a lokacin da ake fara girbin sha’ir.