< Thessalonicenses I 1 >

1 Paulus et Silvanus et Timotheus ecclesiae Thessalonicensium in Deo Patre et Domino Iesu Christo gratia vobis et pax
Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa, Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Waaqa Abbaatii fi kan Gooftaa Yesuus Kiristoos taateetti: Ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
2 gratias agimus Deo semper pro omnibus vobis memoriam facientes in orationibus nostris sine intermissione
Nu kadhannaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Waaqa ni galateeffanna.
3 memores operis fidei vestrae et laboris et caritatis et sustinentiae spei Domini nostri Iesu Christi ante Deum et Patrem nostrum
Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
4 scientes fratres dilecti a Deo electionem vestram
Yaa obboloota Waaqaan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii;
5 quia evangelium nostrum non fuit ad vos in sermone tantum sed et in virtute et in Spiritu Sancto et in plenitudine multa sicut scitis quales fuerimus vobis propter vos
wangeelli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu.
6 et vos imitatores nostri facti estis et Domini excipientes verbum in tribulatione multa cum gaudio Spiritus Sancti
Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
7 ita ut facti sitis forma omnibus credentibus in Macedonia et in Achaia
Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan.
8 a vobis enim diffamatus est sermo Domini non solum in Macedonia et in Achaia sed in omni loco fides vestra quae est ad Deum profecta est ita ut non sit nobis necesse quicquam loqui
Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Waaqatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu;
9 ipsi enim de nobis adnuntiant qualem introitum habuerimus ad vos et quomodo conversi estis ad Deum a simulacris servire Deo vivo et vero
isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu;
10 et expectare Filium eius de caelis quem suscitavit ex mortuis Iesum qui eripuit nos ab ira ventura
akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.

< Thessalonicenses I 1 >