< Thessalonicenses I 2 >

1 nam ipsi scitis fratres introitum nostrum ad vos quia non inanis fuit
Yaa obboloota, isin bira dhufuun keenya sun akkasumaan akka hin taʼin isinuu ni beektu.
2 sed ante passi et contumeliis affecti sicut scitis in Philippis fiduciam habuimus in Deo nostro loqui ad vos evangelium Dei in multa sollicitudine
Akkuma isin beektan nu kanaan dura Fiiliphisiyuusitti dhiphanneerra; akka malees qaaneffamneerra. Garuu yoo mormiin cimaan nu qunname illee gargaarsa Waaqa keenyaatiin wangeela isaa isinitti himuudhaaf ija jabina arganneerra.
3 exhortatio enim nostra non de errore neque de inmunditia neque in dolo
Gorsi nu kenninus kan dogoggora yookaan xuraaʼummaa yookaan gowwoomsaa irraa dhufe miti.
4 sed sicut probati sumus a Deo ut crederetur nobis evangelium ita loquimur non quasi hominibus placentes sed Deo qui probat corda nostra
Qooda kanaa nu akka warra Waaqni wangeela imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Waaqa garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti.
5 neque enim aliquando fuimus in sermone adulationis sicut scitis neque in occasione avaritiae Deus testis est
Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne.
6 nec quaerentes ab hominibus gloriam neque a vobis neque ab aliis
Nu namoota irraa, isin irraas taʼu yookaan warra kaan irraa ulfina hin barbaanne. Nu akka ergamoota Kiristoosiitti baʼaa isinitti taʼuu ni dandeenya ture;
7 cum possimus oneri esse ut Christi apostoli sed facti sumus lenes in medio vestrum tamquam si nutrix foveat filios suos
nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
8 ita desiderantes vos cupide volebamus tradere vobis non solum evangelium Dei sed etiam animas nostras quoniam carissimi nobis facti estis
Nu waan akka malee isin jaallanneef wangeela Waaqaa qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii.
9 memores enim estis fratres laborem nostrum et fatigationem nocte et die operantes ne quem vestrum gravaremus praedicavimus in vobis evangelium Dei
Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre.
10 vos testes estis et Deus quam sancte et iuste et sine querella vobis qui credidistis fuimus
Nu hammam qulqullummaan, qajeelummaa fi mudaa malee isin warra amantan gidduu akka jiraanne isin dhugaa ni baatu; Waaqnis dhugaa baʼa.
11 sicut scitis qualiter unumquemque vestrum tamquam pater filios suos
Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii;
12 deprecantes vos et consolantes testificati sumus ut ambularetis digne Deo qui vocavit vos in suum regnum et gloriam
kunis akka isin jireenya Waaqa isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.
13 ideo et nos gratias agimus Deo sine intermissione quoniam cum accepissetis a nobis verbum auditus Dei accepistis non ut verbum hominum sed sicut est vere verbum Dei qui operatur in vobis qui credidistis
Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna.
14 vos enim imitatores facti estis fratres ecclesiarum Dei quae sunt in Iudaea in Christo Iesu quia eadem passi estis et vos a contribulibus vestris sicut et ipsi a Iudaeis
Yaa obboloota, isin fakkeenya waldoota kiristaanaa Waaqaa warra Kiristoos Yesuusitti jiran kanneen biyya Yihuudaa jiranii duukaa buutaniirtu; akkuma waldoonni kunneen harka Yihuudootaatti dhiphatan sana isinis harka namoota biyya keessaniitti dhiphattaniirtu;
15 qui et Dominum occiderunt Iesum et prophetas et nos persecuti sunt et Deo non placent et omnibus hominibus adversantur
Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Yesuusii fi raajota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Waaqa hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu;
16 prohibentes nos gentibus loqui ut salvae fiant ut impleant peccata sua semper praevenit autem ira Dei super illos usque in finem
isaanis cubbuu isaanii guuttachuuf jedhanii akka nu akka Namoonni Ormaa fayyifamaniif itti hin dubbanne nu dhowwu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufeera.
17 nos autem fratres desolati a vobis ad tempus horae aspectu non corde abundantius festinavimus faciem vestram videre cum multo desiderio
Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane.
18 quoniam voluimus venire ad vos ego quidem Paulus et semel et iterum et inpedivit nos Satanas
Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu Seexanatu nu dhowwe.
19 quae est enim nostra spes aut gaudium aut corona gloriae nonne vos ante Dominum nostrum Iesum estis in adventu eius
Yommuu Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti fuula isaa duratti abdiin keenya yookaan gammachuun keenya yookaan gonfoon nu ittiin of jajnu eenyu? Isinuma mitii?
20 vos enim estis gloria nostra et gaudium
Isin ulfinaa fi gammachuu keenyaatii.

< Thessalonicenses I 2 >