< 詩篇 50 >
1 アサフのうた ぜんのうの神ヱホバ詔命して日のいづるところより日のいるところまであまねく地をよびたまへり
Faarfannaa Asaaf. Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbatee baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti lafa waameera.
2 かみは美麗の極なるシオンより光をはなちたまへり
Xiyoon ishee miidhaginni ishee hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.
3 われらの神はきたりて黙したまはじ火その前にものをやきつくし暴風その四周にふきあれん
Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus; ibiddi hamaan fuula isaa dura, bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.
4 神はその民をさばかんとて上なる天および地をよびたまへり
Inni saba isaatti muruuf jedhee, samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:
5 いはく祭物をもて我とけいやくをたてしわが聖徒をわがもとに集めよと
“Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan, gara kootti walitti naa qabaa.”
6 もろもろの天は神の義をあらはせり 神はみづから審士たればなり (セラ)
Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu; Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.
7 わが民よきけ我ものいはんイスラエルよきけ我なんぢにむかひて證をなさん われは神なんぢの神なり
“Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi; yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa: Ani Waaqni Waaqa kee ti.
8 わがなんぢを責るは祭物のゆゑにあらず なんぢの燔祭はつねにわが前にあり
Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu; aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.
9 我はなんぢの家より牡牛をとらず なんぢの牢より牡山羊をとらず
Ani dallaa kee keessaa korma, yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.
10 林のもろもろのけもの山のうへの千々の牲畜はみなわが有なり
Bineensi bosonaa hundinuu, horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.
11 われは山のすべての鳥をしる 野のたけき獣はみなわがものなり
Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka; wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.
12 世界とそのなかに充るものとはわが有なれば縦ひわれ飢るともなんぢに告じ
Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture; addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.
13 われいかで牡牛の肉をくらひ牡山羊の血をのまんや
Ani foon korommii nan nyaadhaa? Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?
14 感謝のそなへものを神にささげよ なんぢのちかひを至上者につくのへ
“Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
15 なやみの日にわれをよべ我なんぢを援けん而してなんぢ我をあがむべし
guyyaa rakkinaa na waammadhu; ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”
Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?
17 然はあれど神あしきものに言給く なんぢは教をにくみ わが言をその後にすつるものなるに何のかかはりありてわが律法をのべ わがけいやくを口にとりしや
Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.
18 なんぢ盗人をみれば之をよしとし姦淫をおこなふものの伴侶となれり
Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta; ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.
19 なんぢその口を惡にわたす なんぢの舌は脆計をくみなせり
Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta; arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.
20 なんぢ坐りて兄弟をそしり己がははの子を誣ののしれり
Ati teessee obboleessa kee hamatta; ilma haadha kee maqaa balleessita.
21 汝これらの事をなししをわれ黙しぬれば なんぢ我をおのれに恰にたるものとおもへり されど我なんぢを責めてその罪をなんぢの目前につらぬべし
Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise; ati akkuma ofii keetii na seete. Amma garuu ani sin ifadha; ifatti baasees sin himadha.
22 神をわするるものよ今このことを念へ おそらくは我なんぢを抓さかんとき助るものあらじ
“Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa; yoo kanaa achii ani isin nan ciccira; namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.
23 感謝のそなへものを献るものは我をあがむ おのれの行爲をつつしむ者にはわれ神の救をあらはさん
Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”