< エレミヤ書 41 >

1 七月ごろ王の血統なるエリシヤマの子ネタニヤの子イシマエル王の十人の牧伯等とともにミヅパにゆきてアヒカムの子ゲダリヤにいたりミヅパにて偕に食をなせしが
Jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu
2 ネタニヤの子イシマエルおよび偕にをりし十人の者起上りバビロンの王がこの地の有司となせしシヤパンの子アヒカムの子なるゲダリヤを刀にて殺せり
Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan.
3 イシマエルまたミヅパにゲダリヤと偕にをりし諸のユダヤ人と彼處にをりしカルデヤ人の兵卒を殺したり
Ishmaaʼeel akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe.
4 彼がゲダリヤを殺してより二日の後いまだ誰も之を知ざりし時
Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin,
5 ある人八十人その鬚を薙り衣を裂き身に傷つけ手に素祭の物と香を携へてシケム、シロ、サマリヤよりきたりてヱホバの室にいたらんとせしかば
namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana Waaqayyoo dhufan.
6 ネタニヤの子イシマエル、ミヅパよりいでて哭きつつ行て彼らを迎へ彼等に逢てアヒカムの子ゲダリヤの許に來れといへり
Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas jara simachuuf Miisphaadhaa booʼaa gad baʼe. Yommuu isaan argettis “Gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kottaa” jedheen.
7 而して彼ら邑の中に入しときネタニヤの子イシマエル己と偕にある人々とともに彼らを殺してその屍を阱に投いれたり
Yeroo isaan magaalaa sana seenanitti immoo Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni isa wajjin turan jara sana gogorraʼanii boolla bishaaniitti gad darbatan.
8 但しその中の十人イシマエルにむかひ我らは田地に小麥 麰麥油および蜜を藏し有り我らをころすなかれと言たれば彼らをその兄弟と偕に殺さずして已ぬ
Namoonni utuu hin ajjeefamin hafan kudhan garuu Ishmaaʼeeliin, “Nu hin ajjeesin! Nu qamadii fi garbuu, zayitii fi damma lafa qotiisaa keessa dhokfanne qabnaatii” jedhan. Kanaafuu inni gad isaan dhiise; warra kaan wajjinis isaan hin ajjeefne.
9 イシマエルがゲダリヤの名をもて殺せし人の屍を投入れし阱はアサ王がイスラエルの王バアシヤを怖れて鑿し阱なりネタニヤの子イシマエルその殺せし人々を之に充せり
Boolli bishaanii Ishmaaʼeel reeffa namoota Gedaaliyaas wajjin ajjeefaman sanaa hunda itti naqe sun boolla bishaanii Aasaan Mootichi ittiin Baʼishaan mooticha Israaʼel of irraa dhowwuuf hojjetate ture. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa boolla bishaanii sana reeffa namaatiin guute.
10 イシマエルはミヅパに遺りをる諸の民即ち王の諸女と侍衞の長ネブザラダンがアヒカムの子ゲダリヤに交付しところのミヅパに遺れる諸の民とを擄にせりネタニヤの子イシマエルすなはち彼らを擄にしアンモン人に往んとて去れり
Ishmaaʼeel namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele.
11 カレヤの子ヨハナンおよび彼と偕に在る軍勢の長たちネタニヤの子イシマエルの爲し諸の惡事を聞ければ
Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti
12 その衆卒を率てネタニヤの子イシマエルと戰はんとて出でギベオンの池の旁にて彼に遇ふ
namoota isaanii hunda fudhatanii Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban.
13 イシマエルと偕に在る人々はカレヤの子ヨハナンおよび彼とともに在る軍勢の長たちを見て欣べり
Namoonni Ishmaaʼeel wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan.
14 是をもてイシマエルがミヅパより擄へきたりし所の人々身をめぐらしてカレヤの子ヨハナンの許にゆけり
Namoonni Ishmaaʼeel Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan.
15 ネタニヤの子イシマエルは八人の者と偕にヨハナンを避け逃てアンモン人に往り
Garuu Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan.
16 カレヤの子ヨハナンおよび彼とともにある軍勢の長等はネタニヤの子イシマエルがアヒカムの子ゲダリヤを殺してミヅパより擄へゆけるところの彼遺れる民すなはち兵卒婦人兒女寺人等を其手より取りかへして之をギベオンより携かへりしが
Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha.
17 進てエジプトにいたらんとてベツレヘムの近傍にあるキムハムの住處に往て留れり
Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan;
18 こはネタニヤの子イシマエルがバビロンの王の此地の有司となしたるアヒカムの子ゲダリヤを殺せしによりカルデヤ人を懼たればなり
kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.

< エレミヤ書 41 >