< エレミヤ書 40 >

1 侍衞の長ネブザラダンかのバビロンにとらへ移さるるヱルサレムとユダの人々の中にヱレミヤを鏈につなぎおきてこれを執へゆきけるが遂にこれを放ちてラマを去しめたりその後ヱホバの言ヱレミヤにのぞめり
Erga Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Raamaatti gad isa dhiisee booddee dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Ajajaan sun isaa boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihuudaadhaa boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaa turan hunda gidduutti foncaan hidhamee jiru Ermiyaasin arge.
2 茲に侍衞の長ヱレミヤを召てこれにいひけるは汝の神ヱホバ此處にこの災あらんことを言り
Ajajaan eegumsaa sunis yommuu Ermiyaasin argetti akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni kee badiisa kana iddoo kanatti labseera.
3 ヱホバこれを降しその云し如く行へり汝らヱホバに罪を犯しその聲に聽したがはざりしによりてこの事汝らに來りしなり
Waaqayyo amma iyyuu waan kana fideera; inni akkuma dubbate sana godheera. Sababii isin Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf hin ajajaminiif wanni kun hundi taʼe.
4 視よ我今日汝の手の鏈を解て汝を放つ汝もし我とともにバビロンにゆくことを善とせば來れわれ汝を善くあしらはん汝もし我と偕にバビロンにゆくを惡とせば留れ視よこの地は皆汝の前に在り汝の善とする所汝の心に合ふところに往べし
Ani garuu harʼa foncaa harka keetii sirraa hiikeera. Ati yoo na wajjin Baabilon dhaquu feete kottu; anis sin kunuunsaa; yoo fedhuu baatte garuu hin dhufin. Kunoo biyyattiin guutumaan guutuutti fuula kee dura jirti; iddoo jaallatte dhaqi.”
5 ヱレミヤいまだ答へざるに彼またいひけるは汝バビロンの王がユダの諸邑の上にたてて有司となせしシヤパンの子アヒカムの子なるゲダリヤの許に歸り彼とともに民の中に居れ或は汝の善とおもふところにゆくべしと侍衞の長彼に食糧と禮物をとらせて去しめたり
Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen. Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise.
6 ヱレミヤすなはちミヅパに往きてアヒカムの子ゲダリヤに詣りその地に遺れる民のうちに彼と偕にをる
Kanaafuu Ermiyaas gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kan Miisphaa jiraatu sanaa dhaqee isa wajjin saba biyya sanatti hafe gidduu jiraate.
7 茲に田舍にある軍勢の長等および彼らに屬する人々バビロンの王がアヒカムの子ゲダリヤを立てこの地の有司となし男女嬰孩および國の中のバビロンに移されざる貧者を彼にあづけたることをききしかば
Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti,
8 即ちネタニヤの子イシマエルとカレヤの子ヨハナンとヨナタンおよびタンホメテの子セラヤとネトパ人なるエパイの諸子と或マアカ人の子ヤザニヤおよび彼らに屬する人々ミヅパにゆきてゲダリヤの許にいたる
Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan.
9 シヤパンの子アヒカムの子なるゲダリヤ彼らと彼らに屬する人々に誓ひていひけるは汝らカルデヤ人に事ることを怖るる勿れこの地に住てバビロンの王に事へなば汝ら幸幅ならん
Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii.
10 我はミヅパに居り我らに來らんところのカルデヤ人に事へん汝らは葡萄酒と菓物と油とをあつめて之を器に蓄へ汝らが獲るところの諸邑に住めと
Ani mataan koo fuula Baabilonota gara keenya dhufanii duratti iddoo keessan buʼuuf Miisphaa keessa nan tura; isin garuu wayinii, ija bonaatii fi zayitii walitti qabaatii gombisaatti naqadhaa; magaalaawwan qabattan keessas jiraadhaa.”
11 又モアブとアンモン人の中およびエドムと諸の邦にをるところのユダヤ人はバビロンの王がユダに人を遺したるシヤパンの子アヒカムの子なるゲダリヤを立てこれが有司となしたることを聞り
Yihuudoonni Moʼaab, Amoon, Edoomii fi biyyoota biraa hunda keessa jiraatan hundi yommuu akka mootiin Baabilon Yihuudaa keessatti hambaa hambisee fi akka inni Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam bulchaa godhee isaan irratti muude dhagaʼanitti,
12 是においてそのユダヤ人皆その追やられし諸の處よりかへりてユダの地のミヅパに來りゲダリヤに詣れり而して多くの葡萄酒と菓物をあつむ
hundi isaanii biyyoota itti bittinnaaʼan hunda keessaa baʼanii Yihuudaatti deebiʼanii Miisphaatti Gedaaliyaas bira dhufan. Isaanis wayinii fi ija bonaa baayʼee walitti qabatan.
13 又カレヤの子ヨハナンおよび田舍にをりし軍勢の長たちミヅパにきたりてゲダリヤの許にいたり
Yeroo kanatti Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota ala turanii hundi Gedaaliyaas bira Miisphaa dhaqanii,
14 彼にいひけるは汝アンモン人の王バアリスが汝を殺さんとてネタニヤの子イシマエルを遣せしを知るやと然どアヒカムの子ゲダリヤこれを信ぜざりしかば
akkana jedhaniin; “Ati akka mootiin Amoonotaa Baʼaaliis jedhamu sun si ajjeesuuf jedhee, Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa erge hin beektuu?” Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu isaan hin amanne.
15 カレヤの子ヨハナン、ミヅパにて密にゲダリヤに語りて言けるは請ふわれゆきて人知ずにネタニヤの子イシマエルを殺さんいかで彼汝を殺し汝に集れるユダ人を散しユダの遺れる者を滅すべけんやと
Kana irratti Yoohaanaan ilmi Qaareyaa Miisphaa keessatti Gedaaliyaasin kophaatti baasee akkana jedheen; “Akka ani dhaqee Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa sana ajjeesu naa eeyyami; namni tokko iyyuu waan kana hin beeku. Inni maaliif si ajjeesee akka Yihuudoonni naannoo keetti walitti qabaman hundi bittinneeffamanii hambaan Yihuudaas barbadaaʼu godha?”
16 然るにアヒカムの子ゲダリヤ、カレヤの子ヨハナンにいひけるは汝この事をなすべからず汝イシマエルにつきて僞をいふなり
Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu, Yoohaanaan ilma Qaareyaatiin, “Ati waan akkasii hin hojjetin! Wanni ati waaʼee Ishmaaʼeel dubbattu kun dhugaa mitii” jedhe.

< エレミヤ書 40 >