< תהילים 89 >

משכיל לאיתן האזרחי חסדי יהוה עולם אשירה לדר ודר אודיע אמונתך בפי׃ 1
Maskiilii Eetaan Izraahichaa. Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha; afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
כי אמרתי עולם חסד יבנה שמים תכן אמונתך בהם׃ 2
Akka araarri kee bara baraan jiraatu, akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
כרתי ברית לבחירי נשבעתי לדוד עבדי׃ 3
Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera; Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
עד עולם אכין זרעך ובניתי לדר ודור כסאך סלה׃ 4
‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba; teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’”
ויודו שמים פלאך יהוה אף אמונתך בקהל קדשים׃ 5
Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju; yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
כי מי בשחק יערך ליהוה ידמה ליהוה בבני אלים׃ 6
Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa? Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
אל נערץ בסוד קדשים רבה ונורא על כל סביביו׃ 7
Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
יהוה אלהי צבאות מי כמוך חסין יה ואמונתך סביבותיך׃ 8
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu? Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
אתה מושל בגאות הים בשוא גליו אתה תשבחם׃ 9
Ati raafama galaanaa ni moota; yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
אתה דכאת כחלל רהב בזרוע עזך פזרת אויביך׃ 10
Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite; irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
לך שמים אף לך ארץ תבל ומלאה אתה יסדתם׃ 11
Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
צפון וימין אתה בראתם תבור וחרמון בשמך ירננו׃ 12
Kaabaa fi kibba situ uume; Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.
לך זרוע עם גבורה תעז ידך תרום ימינך׃ 13
Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha; harki kee mirgaas ol kaʼeera.
צדק ומשפט מכון כסאך חסד ואמת יקדמו פניך׃ 14
Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti; araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
אשרי העם יודעי תרועה יהוה באור פניך יהלכון׃ 15
Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan, warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
בשמך יגילון כל היום ובצדקתך ירומו׃ 16
Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; qajeelummaa keetiinis si jajatu.
כי תפארת עזמו אתה וברצנך תרים קרננו׃ 17
Ati ulfina jabina isaanii ti; jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
כי ליהוה מגננו ולקדוש ישראל מלכנו׃ 18
Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti; kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
אז דברת בחזון לחסידיך ותאמר שויתי עזר על גבור הרימותי בחור מעם׃ 19
Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti mulʼataan dubbatteerta: “Ani loltuu tokkoof humna kenneera; dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
מצאתי דוד עבדי בשמן קדשי משחתיו׃ 20
Ani garbicha koo Daawitin argadheera; zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
אשר ידי תכון עמו אף זרועי תאמצנו׃ 21
Harki koo isa wajjin jira; irreen koos isa jajjabeessa.
לא ישא אויב בו ובן עולה לא יעננו׃ 22
Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu; namni hamaanis isa hin hacuucu.
וכתותי מפניו צריו ומשנאיו אגוף׃ 23
Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa; warra isa jibbanis nan dhaʼa.
ואמונתי וחסדי עמו ובשמי תרום קרנו׃ 24
Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata; gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
ושמתי בים ידו ובנהרות ימינו׃ 25
Ani harka isaa galaana irra, harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
הוא יקראני אבי אתה אלי וצור ישועתי׃ 26
Innis, ‘Ati Abbaa koo ti; Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
אף אני בכור אתנהו עליון למלכי ארץ׃ 27
Anis ilma koo hangafa, kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
לעולם אשמור לו חסדי ובריתי נאמנת לו׃ 28
Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa; kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
ושמתי לעד זרעו וכסאו כימי שמים׃ 29
Hidda sanyii isaa bara baraan, teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
אם יעזבו בניו תורתי ובמשפטי לא ילכון׃ 30
“Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan, yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
אם חקתי יחללו ומצותי לא ישמרו׃ 31
yoo isaan sirna koo cabsanii ajaja koo illee eeguu baatan,
ופקדתי בשבט פשעם ובנגעים עונם׃ 32
ani cubbuu isaanii uleedhaan, yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
וחסדי לא אפיר מעמו ולא אשקר באמונתי׃ 33
ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
לא אחלל בריתי ומוצא שפתי לא אשנה׃ 34
Ani kakuu koo hin cabsu; yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
אחת נשבעתי בקדשי אם לדוד אכזב׃ 35
Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera; ani Daawitin hin sobu.
זרעו לעולם יהיה וכסאו כשמש נגדי׃ 36
Sanyiin isaa bara baraan itti fufa; teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
כירח יכון עולם ועד בשחק נאמן סלה׃ 37
akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata; hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
ואתה זנחת ותמאס התעברת עם משיחך׃ 38
Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas; isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
נארתה ברית עבדך חללת לארץ נזרו׃ 39
Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta; gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
פרצת כל גדרתיו שמת מבצריו מחתה׃ 40
Dallaa isaa hunda caccabsiteerta; daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
שסהו כל עברי דרך היה חרפה לשכניו׃ 41
Warri achiin darban hundi isa saamu; olloonni isaas itti qoosu.
הרימות ימין צריו השמחת כל אויביו׃ 42
Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta; akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
אף תשיב צור חרבו ולא הקימתו במלחמה׃ 43
Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta; waraana keessattis isa hin gargaarre.
השבת מטהרו וכסאו לארץ מגרתה׃ 44
Surraa isaa isa irraa balleessiteerta; teessoo isaas lafatti gatteerta.
הקצרת ימי עלומיו העטית עליו בושה סלה׃ 45
Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta; qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
עד מה יהוה תסתר לנצח תבער כמו אש חמתך׃ 46
Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati bara baraan of dhoksitaa? Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
זכר אני מה חלד על מה שוא בראת כל בני אדם׃ 47
Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
מי גבר יחיה ולא יראה מות ימלט נפשו מיד שאול סלה׃ (Sheol h7585) 48
Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti? (Sheol h7585)
איה חסדיך הראשנים אדני נשבעת לדוד באמונתך׃ 49
Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte sun eessa jira?
זכר אדני חרפת עבדיך שאתי בחיקי כל רבים עמים׃ 50
Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame, akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;
אשר חרפו אויביך יהוה אשר חרפו עקבות משיחך׃ 51
yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan, kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
ברוך יהוה לעולם אמן ואמן׃ 52
Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!

< תהילים 89 >