< תהילים 122 >

שיר המעלות לדוד שמחתי באמרים לי בית יהוה נלך׃ 1
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade.
עמדות היו רגלינו בשעריך ירושלם׃ 2
Yaa Yerusaalem, miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
ירושלם הבנויה כעיר שחברה לה יחדו׃ 3
Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee gobbatte tokkootti ijaaramte.
ששם עלו שבטים שבטי יה עדות לישראל להדות לשם יהוה׃ 4
Kunis iddoo gosoonni, gosoonni Waaqayyo, akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
כי שמה ישבו כסאות למשפט כסאות לבית דויד׃ 5
Teessoowwan murtii, teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.
שאלו שלום ירושלם ישליו אהביך׃ 6
Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
יהי שלום בחילך שלוה בארמנותיך׃ 7
Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
למען אחי ורעי אדברה נא שלום בך׃ 8
Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
למען בית יהוה אלהינו אבקשה טוב לך׃ 9
Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee, ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.

< תהילים 122 >