< אֶל־הַגָּלָטִיִּים 1 >
פולוס השליח לא מבני אדם ולא על ידי בן אדם כי אם על ידי ישוע המשיח ואלהים האב אשר העירו מן המתים׃ | 1 |
Phaawulos ergamticha isa utuu namoota biraa yookaan namaan hin taʼin garuu Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa isa Yesuusin warra duʼan keessaa kaaseen ergamee fi
וכל האחים אשר עמדי אל הקהלות אשר בגלטיא׃ | 2 |
obboloota na wajjin jiran hundumaa irraa, Gara Waldoota Kiristaanaa Galaatiyaatti:
חסד לכם ושלום מאת האלהים אבינו ומאת אדנינו ישוע המשיח׃ | 3 |
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu;
אשר נתן את נפשו בעד חטאתינו לחלצנו מן העולם הרע הזה כרצון אלהינו אבינו׃ (aiōn ) | 4 |
inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Waaqa keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne; (aiōn )
אשר לו הכבוד לעולמי עולמים אמן׃ (aiōn ) | 5 |
ulfinni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn )
תמה אני כי סרתם מהר מאחרי הקרא אתכם בחסד המשיח אל בשורה זרה׃ | 6 |
Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera;
והיא איננה אחרת רק שיש אנשים העכרים אתכם וחפצים להפך את בשורת המשיח׃ | 7 |
wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru.
אבל גם אנחנו או מלאך מן השמים אם יבוא לבשר אתכם בשורה מבלעדי זאת אשר בשרנו אתכם חרם יהיה׃ | 8 |
Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu!
כמו שאמרנו כבר כן אמר עתה עוד הפעם איש כי יבשר אתכם בשורה מבלעדי אשר קבלתם חרם יהיה׃ | 9 |
Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
ועתה המתרצה אנכי אל בני אדם אם אל האלהים או המבקש אנכי למצא חן בעיני בני אדם כי במצאי חן בעיני בני אדם לא אהיה עוד עבד המשיח׃ | 10 |
Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.
אבל מודיע אני אתכם אחי כי הבשורה אשר בשרתי לא לפי דרך אדם היא׃ | 11 |
Yaa obboloota, wangeelli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada.
כי גם אנכי לא קבלתיה מאדם ולא למדוני אתה כי אם בחזיון ישוע המשיח׃ | 12 |
Ani wangeelicha mulʼataan Yesuus Kiristoos irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne.
כי הלא שמעתם את דרכי אשר התהלכתי מלפנים בין היהודים ואת אשר רדפתי על יתר את עדת אלהים ואבדתיה׃ | 13 |
Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Waaqaa akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu.
ואהי הולך וחזק בדת היהודית על רבים מבני גילי בעמי בקנאתי הגדולה לקבלות אבותי׃ | 14 |
Ani amantii Yihuudootaatiin warra saba koo keessaa hiriyoota koo taʼan baayʼee nan caala ture; duudhaa abbootii kootiifis akka malee nan hinaafa ture.
אך כאשר היה רצון האלהים אשר הבדיל אתי מרחם אמי ויקראני בחסדו׃ | 15 |
Garuu yommuu Waaqni gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun,
לגלות בי את בנו שאבשרנו בגוים מיד לא נועצתי עם בשר ודם׃ | 16 |
akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne.
גם לא עליתי ירושלים אל אשר היו שליחים לפני כי אם הלכתי לערב ומשם שבתי אל דמשק׃ | 17 |
Ani warra anaan dura ergamoota turan arguuf Yerusaalemitti ol hin baane; garuu yeruma sana biyya Arabaan dhaqe. Ergasiis Damaasqoottin deebiʼe.
אחרי כן מקץ שלש שנים עליתי ירושלים לראות את כיפא ואשב עמו חמשה עשר יום׃ | 18 |
Ergasiis anis waggaa sadii booddee Keefaan wal baruuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼe; guyyaa kudha shanis isa biran ture.
ואחר מן השליחים לא ראיתי זולתי את יעקב אחי אדנינו׃ | 19 |
Ani garuu Yaaqoob obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine.
ואשר אני כתב אליכם הנה נגד האלהים כי לא אכזב׃ | 20 |
Wanti ani isinii barreessu akka soba hin taʼin kunoo fuula Waaqaa duratti isiniifin mirkaneessa.
אחרי כן באתי אל גלילות סוריא וקיליקיא׃ | 21 |
Ergasiis ani gara Sooriyaa fi biyya Kiilqiyaan dhaqe.
אבל קהלות יהודה אשר במשיח הנה לא ידעו את פני׃ | 22 |
Waldoonni Kiristaanaa Yihuudaa kanneen Kiristoositti jiranis fuula koo arganii hin beekan.
רק זאת בלבד שמעו כי האיש ההוא אשר היה רדף אתנו מאז עתה הוא מבשר את האמונה אשר האבידה מלפנים׃ | 23 |
Isaanis oduu, “Namichi duraan nu ariʼachaa ture sun amma immoo amantiidhuma dur balleessuuf yaalaa ture sana lallabaa jira” jedhu qofa dhagaʼan.
Isaanis sababii kootiif Waaqaaf ulfina kennan.