< הָשֵּׁנִית אֶל־הַקּוֹרִנְתִּיִים 12 >

אמנם להתהלל לא יועיל לי כי אבוא למראות האדון וחזינותיו׃ 1
Yoo buʼaa qabaachuu baate iyyuu ani nan boona. Ani gara waan Gooftaan na argisiiseetii fi mulʼata isa biraa dhufeetti nan qajeela.
ידעתי איש במשיח זה ארבע עשרה שנה אם היה בגוף לא ידעתי או מחוץ לגוף לא ידעתי האלהים יודע והאיש ההוא לקח עד לרקיע השלישי׃ 2
Namichi Kiristoositti jiru tokko waggaa kudha afur dura gara samii sadaffaatti ol fudhatamuu isaa nan beeka. Innis dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa Waaqatu beeka malee ani hin beeku.
וידעתי את האיש ההוא אם בגוף או מחוץ לגוף לא ידעתי האלהים יודע׃ 3
Ani nama akkanaa nan beeka; dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku; Waaqatu beeka;
אשר העלה אל הפרדס וישמע דברים נסתרים אשר נמנע מאיש למללם׃ 4
innis gara jannataatti ol fudhatamee waan hin dubbatamne kan akka namni himuuf hin eeyyamamne dhagaʼe.
על איש כמוהו אתהלל אך על עצמי לא אתהלל זולתי בחלשותי׃ 5
Ani waaʼee nama akkasiitiif nan boona; garuu waaʼee dadhabbii kootii malee waaʼee ofii kootii hin boonu.
כי לו חפצתי להתהלל לא אהיה סכל כי אמת אדבר אבל אתאפק פן יחשבני איש יותר ממה שיראה בי או שישמע ממני׃ 6
Ani waanan dhugaa dubbachaa jiruuf yoon boonuu filadhe iyyuu hin gowwoomu. Garuu namni tokko iyyuu waan narratti arguu fi waan narraa dhagaʼu caalaa akka waaʼee koo hin yaadneef ani waan akkasii irraa ofin qusadha;
ולמען אשר לא אתרומם ברב גדל החזינות נתן לי סלון בבשרי מלאך השטן להכתני באגרוף למען לא אתרומם׃ 7
akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname.
על זאת התחננתי שלש פעמים אל האדון להסירו ממני׃ 8
Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe.
ויאמר אלי די לך חסדי כי בחלשה תשלם גבורתי על כן שמח לבי להתהלל בחלשותי למען תשרה עלי גבורת המשיח׃ 9
Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
לכן רצתה נפשי בחלשות ובחרפות ובצרות וברדיפות ובמצוקות בעד המשיח כי כאשר חלשתי אז גבור אני׃ 10
Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
סכל הייתי בהתהללי אתם הכרחתם אתי תחת אשר היה עליכם להזכירני לשבח כי לא נפל אנכי במאומה מן השליחים הגדולים כל כך אף כי כאין אנכי׃ 11
Ani of gowwoomseera; waan kanatti garuu isinitu na dhiibe. Ani yoon waanuma tokkotti illee hedamuu baadhe, waan “Ergamoota hangafoota” sanaa gad hin taaneef silaa isin naa dubbachuu qabdu turtan.
הן אתות השליח נעשו בקרבכם בכל סבלנות באתות ובמופתים ובגבורות׃ 12
Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru.
כי במה נגרעתם מן הקהלות האחרות אם לא הלאיתי אתכם סלחו נא לי את העולה הזאת׃ 13
Ani utuu baʼaa isinitti hin taʼin hafuu kootiin alatti wanti isin ittiin waldoota kiristaanaa kaanii gad taatan maali? Yakka kana naa dhiisaa!
הנני מוכן לבוא אליכם פעם שלישית ולא אלאה אתכם כי לא אבקש את אשר לכם כי אם אתכם כי הבנים אינם חיבים לאצר אוצרות לאבות כי אם האבות לבנים׃ 14
Ani siʼa sadaffaaf gara keessan dhufuuf qophaaʼeera; ani isinuma malee qabeenya keessan waan hin barbaanneef baʼaa isinitti hin taʼu. Warratu ijoollee isaaniitiif qabeenya kuusuu qaba malee ijoolleen warra isaaniitiif kuusuu hin qaban.
אבל אני בכל חפץ לבבי אפזר וגם אפזר בעד נפשותיכם אף אם תחת אהבתי לכם היתרה אתם תמעיטו את אהבתכם אלי׃ 15
Ani waanan qabu hunda gammachuun isiniif nan kenna; ofii koo illee isiniif nan kenna. Sababii ani baayʼisee isin jaalladhuuf isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree?
אך אם כן הוא ואני לא הכבדתי עליכם אולי כאיש ערום במרמה לכדתי אתכם׃ 16
Haa taʼuu malee ani baʼaa isinitti hin taane. Ani garuu waanan abshaala taʼeef malaan isin qabadhe.
האף הוניתי אתכם ביד אחד מאלה אשר שלחתי אליכם׃ 17
Ani namoota isinitti erge keessaa karaa isa tokkootiin illee waa isin irraa nyaadheeraa?
בקשתי מן טיטוס ושלחתי אתו את האח הכי הונה אתכם טיטוס הלא ברוח אחד התהלכנו הלא במעגל אחד׃ 18
Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isa kadhadhe; obboleessa tokkos isa wajjin ergeera. Tiitoon waa isin irraa nyaateeraa? Nu hafuura tokkoon, karuma tokko irra deddeebiʼaa hin turree?
התחשבו עוד כי מתנצלים אנחנו אליכם לא כי לפני האלהים נדבר במשיח וכל זאת חביבי למען תבנו׃ 19
Isin waan nu hamma ammaatti fuula keessan duratti ofii keenyaaf falmannu seetanii? Nu akka warra Kiristoositti jiraataniitti fuula Waaqaa duratti dubbanna; yaa michoota, waan kana hunda hojjechuun keenya isinuma jajjabeessuuf.
כי ירא אנכי פן בבאי לא אמצא אתכם כאשר חפצתי ואתם גם אתם לא תמצאו אתי כאשר חפצתם פן יהיה בכם מצה וקנאה ורגז ומריבות ודבה רעה ורכילות וגאות ומבוכה׃ 20
Yeroo ani gara keessan dhufutti isin akka ani fedhu taatanii hin argamtan taʼa. Yookaan ani akka isin feetan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadhaatii. Wal loluun, hinaaffaan, aariin bobaʼuun, wal qooduun, maqaa nama balleessuun, hamiin, of tuulummaanii fi jeequmsi isin gidduu jiraata jedheen sodaadha.
פן אשוב לבוא וישפילני אלהי אצלכם ואתאבל על רבים אשר חטאו כבר ולא שבו מן הטמאה ומן הזנות ומן הזמה אשר עשו׃ 21
Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha.

< הָשֵּׁנִית אֶל־הַקּוֹרִנְתִּיִים 12 >