< Zabura 36 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta Dawuda bawan Ubangiji. Akwai magana a cikin zuciyata game da zunubin mugu. Babu tsoron Allah a idanunsa.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. Ani waaʼee cubbamootaa, ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
2 Gama a idanunsa yana ganin kansa wani abu ne wanda ya sha ƙarfi a gane ko ya ƙi zunubinsa.
Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
3 Kalmomin bakinsa mugaye ne da kuma ruɗu; ya daina zama mai hikima da yin alheri.
Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
4 Ko a kan gadonsa ma yana shirya mugunta; yakan sa kansa ga aikata zunubi kuma ba ya ƙin abin da ba shi da kyau.
Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
5 Ƙaunarka, ya Ubangiji, kan kai sammai, amincinka har sararin sammai.
Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
6 Adalcinka yana kama da manyan duwatsu, hukuncinka kamar zurfi mai girma. Ya Ubangiji, kana lura da mutum da dabba.
Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
7 Ina misalin ƙaunarka marar ƙarewa! Mutane manya da ƙanana kan sami mafaka cikin inuwar fikafikanka.
Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
8 Suna biki a yalwar gidanka; kakan ba su sha daga rafin farin cikinka.
Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
9 Gama a gare ka akwai maɓulɓular rai cikin haskenka mukan ga haske.
Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina.
10 Ka ci gaba da ƙaunarka ga waɗanda suka san ka, adalcinka ga masu gaskiyar zuciya.
Jaalala kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
11 Kada ka bari ƙafar mai girman kai yă fāɗa mini, ko hannun mugu ya kore ni.
Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
12 Dubi yadda masu aikata zunubi suka fāɗi, a zube, ba za su kuwa iya tashi ba!
Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!

< Zabura 36 >