< Zabura 20 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Zabura ta Dawuda. Ubangiji ya amsa maka sa’ad da ka yi kira cikin wahala; bari sunan Allah na Yaƙub yă kiyaye ka.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
2 Bari yă aiko maka da taimako daga wuri mai tsarki yă kuma ba ka gudummawa daga Sihiyona.
Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
3 Bari yă tuna da dukan sadakokinka yă kuma karɓi hadayunka na ƙonawa. (Sela)
Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
4 Bari yă biya maka bukatan ranka yă kuma sa dukan shirye-shiryenka su yi nasara.
Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
5 Za mu yi sowa ta farin ciki sa’ad da ka yi nasara mu kuma ɗaga tutotinmu a cikin sunan Allahnmu. Bari Ubangiji yă biya maka dukan bukatunka.
Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
6 Yanzu na san cewa, Ubangiji yakan cece shafaffensa. Yakan amsa masa daga samansa mai tsarki da ikon ceto na hannun damansa.
Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
7 Waɗansu sun dogara a kekunan yaƙi waɗansu kuma a dawakai, amma mu, mun dogara a cikin sunan Ubangiji Allahnmu.
Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
8 Za a durƙusar da su, su kuma fāɗi, amma mu za mu tashi mu tsaya daram.
Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna.
9 Ya Ubangiji, ka ba da nasara ga sarki! Ka amsa mana sa’ad da muka yi kira!
Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!

< Zabura 20 >