< Zabura 137 >

1 A bakin kogunan Babilon muka zauna muka yi kuka sa’ad da muka tuna da Sihiyona.
Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, lageen Baabilon bira teenyee boonye.
2 A can a kan rassan itatuwa muka rataye garayunmu,
Achittis kiraara keenya muka alaltuutti fannifne;
3 gama a can masu kamunmu suka sa mu yi waƙoƙi, masu ba mu azaba suka nema waƙoƙin farin ciki; suka ce, “Ku rera mana ɗaya daga cikin waƙoƙin Sihiyona!”
achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
4 Yaya za mu rera waƙoƙin Ubangiji a baƙuwar ƙasa?
Nu utuu biyya ormaa jirruu, akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
5 In na manta da ke, ya Urushalima, bari hannuna na dama manta da iyawarsa.
Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
6 Bari harshena yă manne wa rufin bakina in ban tuna da ke ba, in ban so Urushalima farin cikin mafi girma ba.
Yoo ani si yaadachuu baadhe, yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti Yerusaalemin ilaaluu baadhe, arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
7 Ka tuna, ya Ubangiji, abin da mutanen Edom suka yi a ranar da Urushalima ta fāɗi. Suka yi ihu suka ce, “A ragargaza ta, A ragargaza ta har tushenta!”
Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; isaanis, “Ishee diigaa! Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
8 Ya Diyar Babilon, an ƙaddara ke zuwa hallaka, mai farin ciki ne wanda ya sāka miki saboda abin da kika yi mana,
Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, inni waan ati nu goote sanaaf, gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
9 shi da ya ƙwace jariranki ya fyaɗa su a kan duwatsu.
Inni daaʼimman kee qabee dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

< Zabura 137 >