< 2 Sama’ila 12 >

1 Ubangiji ya aiki Natan wurin Dawuda. Da ya tafi wajensa, sai ya ce, “An yi waɗansu mutum biyu a wani gari, ɗaya mai arziki, ɗayan kuma matalauci.
Waaqayyos Naataanin gara Daawititti erge. Innis gara Daawit dhufee akkana jedhe; “Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture.
2 Mai arzikin yana da babban garken tumaki, da kuma shanu,
Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture;
3 amma matalauci ba shi da kome sai’yar tunkiyar da ya sayo. Ya yi kiwonta, ta kuwa yi girma tare shi da yaransa. Takan ci tare da shi ta sha ruwa a kwaf nasa, har ma ta kwanta a ƙirjinsa. Ta ma zama kamar’ya a gare shi.
namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte.
4 “To, sai ga wani baƙo ya zo wurin mai arzikin nan, amma mai arzikin ya ƙi yă kama tunkiyarsa, ko saniyarsa yă yanka don yă shirya wa baƙon da ya zo abinci. A maimako, sai ya je ya kama’yar tunkiyan nan ta matalaucin ya yanka ya shirya wa mutumin da ya zo masa.”
“Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse.”
5 Dawuda ya husata ƙwarai da mutumin, ya ce wa Natan, “Muddin Ubangiji yana a raye, mutumin da ya yi wannan ya cancanci yă mutu!
Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba!
6 Dole yă biya diyyar tunkiyan nan sau huɗu, domin ya aikata haka ba tausayi.”
Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.”
7 Sai Natan ya ce wa Dawuda, “Kai ne mutumin! Ga abin da Ubangiji, Allah ya ce, ‘Na naɗa ka sarki bisa Isra’ila, na kuma cece ka daga hannun Shawulu.
Naataanis Daawitiin akkana jedhe; “Namichi sun suma! Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera.
8 Na ba ka gidan maigidanka, da matan maigidanka duka. Na ba ka gidan Isra’ila da Yahuda. Da a ce dukan waɗannan sun kāsa maka, ai, da na ƙara maka.
Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture.
9 Me ya sa ka rena maganar Ubangiji ta wurin yin mugunta haka a idonsa? Ka kashe Uriya mutumin Hitti da takobi, ka kuma ɗauki matarsa tă zama matarka. Ka kashe shi da takobin Ammonawa.
Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Waaqayyoo tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
10 To, fa, takobi ba zai taɓa rabu da gidanka ba, domin ka rena ni, ka kuma ƙwace matar Uriya mutumin Hitti ta zama matarka.’
Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’
11 “Ga abin da Ubangiji yana cewa, ‘Daga cikin iyalinka zan kawo masifa a kanka. A idanunka zan ɗauki matanka in ba wa wani da yake kusa da kai, zai kuwa kwana da su da rana tsaka.
“Waaqayyo akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa.
12 Ka aikata wannan a ɓoye, amma zan aikata wannan da rana tsaka, a gaban dukan Isra’ila.’”
Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’”
13 Sai Dawuda ya ce wa Natan, “Na yi wa Ubangiji zunubi.” Natan ya ce, “Ubangiji ya yafe maka zunubin. Ba za ka mutu ba.
Kana irratti Daawit Naataaniin, “Ani Waaqayyotti cubbuu hojjedheera” jedhe. Naataan immoo deebisee akkana jedhe; “Waaqayyo cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.
14 Amma saboda ka yi haka ka sa abokan gāba suka rena Ubangiji, yaron da aka haifa maka zai mutu.”
Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan Waaqayyoon tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa.”
15 Bayan Natan ya tafi gida, sai Ubangiji ya bugi yaron da matar Uriya ta haifa wa Dawuda, ya kuwa kamu da ciwo.
Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee Waaqayyo daaʼima niitiin Uuriyaa Daawitiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame.
16 Dawuda ya roƙi Allah saboda yaron. Ya yi azumi, ya kuma shiga gidansa ya kwana kwance a ƙasa.
Daawitis daaʼima sanaaf Waaqa kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture.
17 Dattawan iyalinsa suka tsaya kusa da shi don su ɗaga shi daga ƙasa, amma ya ƙi, bai kuwa ci wani abu tare da su ba.
Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne.
18 A rana ta bakwai sai yaron ya rasu. Barorin Dawuda suka ji tsoro su gaya masa cewa yaron ya mutu, gama sun yi tunani cewa, “Yayinda yaron yake da rai, mun yi magana da Dawuda bai ji mu ba. Yaya za mu gaya masa yaron ya mutu? Ai, zai yi wa kansa ɓarna.”
Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawit akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, “Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawititti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa” jedhanii yaadanii turaniitii.
19 Dawuda ya gane bayinsa suna wa juna raɗan wani abu, sai ya gane yaron ya mutu. Sai ya ce, “Yaron ya rasu ko?” Suka ce, “I, ya rasu.”
Daawit akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee duʼeera” jedhanii deebisan.
20 Sa’an nan Dawuda ya tashi daga ƙasa. Bayan ya yi wanka, ya shafa mai, ya kuma canja rigunarsa, sa’an nan ya shiga gidan Ubangiji ya yi sujada. Sai ya tafi gidansa, ya nemi a ba shi abinci, aka ba shi, ya kuwa ci.
Daawitis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana Waaqayyoo seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate.
21 Barorinsa suka ce masa, “Me ya sa kake yin haka? Yayinda yaron yake da rai, ka yi azumi, ka kuma yi kuka, amma yanzu da yaron ya mutu, ka tashi, ka kuma ci abinci!”
Tajaajiltoonni isaas, “Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!” jedhanii isa gaafatan.
22 Ya ce musu, “Yayinda yaron yake da rai, na yi azumi, na kuma yi kuka. Na yi tunani na ce, ‘Wa ya sani? Ko Ubangiji zai yi mini alheri yă bar yaron yă rayu.’
Innis akkana jedhee deebise; “Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? Waaqayyo garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture.
23 Amma yanzu da ya mutu, me zai sa in yi azumi? Zan iya dawo da shi ne? Ni zan je wajensa, ba shi zai dawo wurina ba.”
Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!”
24 Sai Dawuda ya yi wa matarsa Batsheba ta’aziyya, ya kuma tafi wurinta ya kwana da ita. Ta kuma haifi ɗa, suka ba shi suna Solomon. Ubangiji ya ƙaunace shi;
Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. Waaqayyos isa ni jaallate;
25 kuma saboda Ubangiji ya ƙaunace shi, sai ya aika da saƙo ta wurin annabi Natan yă ba shi suna Yedidiya.
Waaqayyo waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan raajichaatiin dubbii erge.
26 Ana cikin haka, sai Yowab ya yi yaƙi da Rabba na Ammonawa, ya kuma ƙwace babban birnin.
Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate.
27 Sa’an nan Yowab ya aika manzanni wurin Dawuda yana cewa, “Na yaƙi Rabba na kuma ƙwace hanyar samun ruwanta.
Yooʼaabis akkana jedhee Daawititti ergamoota erge; “Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera.
28 Yanzu fa ka tattara saura rundunoni ka fāɗa wa birnin ka ci shi. In ba haka ba zan karɓe birnin, a kuma kira shi da sunana.”
Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti.”
29 Saboda haka Dawuda ya tattara sauran rundunar sojojin suka tafi Rabba suka fāɗa masa suka kuma ci shi.
Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate.
30 Ya ɗauke rawanin daga kan sarkinsu, nauyinsa ya kai talenti, na zinariya, an kuma yi masa ado da duwatsu masu daraja, aka aza shi a kan Dawuda. Ya kuma kwashe ganima mai yawa daga garin.
Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
31 Ya fito da mutanen da suke a can, ya sa su su yi aiki da zarto, da diga, da kuma gatari, ya kuma sa su bugan bulok. Haka ya yi wa dukan garuruwan Ammonawa. Sa’an nan Dawuda da dukan sojoji suka koma Urushalima.
namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.

< 2 Sama’ila 12 >