< 2 Sama’ila 22 >

1 Dawuda ya rera wannan waƙa ga Ubangiji, sa’ad da Ubangiji ya cece shi daga hannun dukan abokan gābansa, da kuma daga hannun Shawulu.
Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
2 Ya ce, “Ubangiji shi ne dutsena, kagarata da kuma mai cetona;
Innis akkana jedhe: “Waaqayyo kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
3 Allahna shi ne dutsena. A gare shi nake samun kāriya shi ne garkuwata da kuma ƙahon cetona. Shi ne mafakata, maɓuyata, da mai cetona. Daga mutane masu fitina, ka cece ni.
Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
4 “Na kira ga Ubangiji, wanda ya cancanci yabo, na kuwa tsira daga abokan gābana.
“Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
5 Raƙumar ruwan mutuwa sun kewaye ni; raƙumar ruwan hallaka suna cin ƙarfina.
Dambaliin duʼaa na marseera; lolaan badiisaas na liqimseera.
6 Igiyoyin mutuwa sun nannaɗe ni; tarkuna kuma suka auka mini. (Sheol h7585)
Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
7 “A cikin wahalata na yi kira ga Ubangiji; na yi kira ga Allahna. Daga cikin haikalinsa ya saurare muryata; kukata ta zo kunnensa.
“Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
8 Ƙasa ta yi rawa ta kuma girgiza, harsashan sararin sama sun jijjigu; suka yi makyarkyata saboda yana fushi.
Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
9 Hayaƙi ya taso daga kafaffen hancinsa; harshen wuta mai cinyewa daga bakinsa, garwashi mai ƙuna daga bakinsa.
Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
10 Ya buɗe sararin sama, ya sauko ƙasa, girgije mai duhu suna ƙarƙashin ƙafafunsa.
Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
11 Ya hau kerubobi, ya tashi sama; ya yi firiya a fikafikan iska.
Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
12 Ya mai da duhu abin rufuwarsa gizagizai masu kauri cike da ruwa suka kewaye shi.
Inni dukkana, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
13 Daga cikin hasken gabansa garwashi wuta mai ci ya yi walƙiya.
Ifa fuula isaa keessaas bakakkaan balaqqisee baʼe.
14 Ubangiji ya yi tsawa daga sararin sama; aka ji muryar Mafi Ɗaukaka.
Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
15 Ya harbe kibiyoyi, ya wartsar da abokan gāba, da walƙiya kuma ya sa suka gudu.
Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
16 Aka bayyana kwarin teku, tushen duniya suka tonu. A tsawatawar Ubangiji, da numfashinsa mai ƙarfi daga hancinsa.
Dheekkamsa, Waaqayyootiin humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
17 “Daga sama ya miƙo hannu ya ɗauke ni, ya tsamo ni daga zurfafa ruwaye.
“Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
18 Ya kuɓutar da ni daga hannun abokin gāba mai iko, daga maƙiyina da suka fi ƙarfina.
Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
19 Suka auka mini cikin ranar masifata, amma Ubangiji ya kiyaye ni.
Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
20 Ya fito da ni, ya kai ni wuri mafi fāɗi; ya kuɓutar da ni gama yana jin daɗina.
Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
21 “Ubangiji ya sāka mini bisa ga adalcina; bisa ga tsabtar hannuwana ya sāka mini.
“Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
22 Gama na kiyaye hanyoyin Ubangiji; ban yi wani mugun abu da zai juyar da ni daga Allahna ba.
Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
23 Dukan dokokinsa suna a gabana; ban ƙi ko ɗaya daga umarnansa ba.
Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
24 Ba ni da laifi a gabansa na kiyaye kaina daga yin zunubi.
Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
25 Ubangiji ya sāka mini bisa ga adalcina bisa ga tsarkina a gabansa.
Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
26 “Ga masu aminci, kakan nuna kanka mai aminci, ga marasa laifi, kakan nuna kanka marar laifi,
“Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
27 ga masu tsarki, kakan nuna musu tsarki. Amma ga masu karkataccen hali, kakan nuna kanka mai wayo.
nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
28 Kakan ceci mai tawali’u, amma idanunka suna a kan masu girman kai don ka ƙasƙantar da su.
Ati warra gad of qaban ni oolchita; warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
29 Ya Ubangiji kai ne fitilata; Ubangiji ya mai da duhuna haske.
Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti; Waaqayyo dukkana koo ifatti ni geeddara.
30 Da taimakonka zan iya auka wa rundunar sojoji; tare da Allahna zan iya hawan katanga.
Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
31 “Ga Allah dai, hanyarsa cikakkiya ce; maganar Ubangiji babu kuskure. Shi garkuwa ce ga waɗanda suka nemi mafaka a gare shi.
“Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu. Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
32 Gama wane ne Allah, in ba Ubangiji ba? Wane ne dutse kuma in ba Allahnmu ba?
Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees Kattaan eenyu?
33 Allah ne ya ba ni ƙarfi, ya kuma mai da hanyata cikakkiya.
Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
34 Ya sa ƙafafuna kamar ƙafafun barewa; ya sa na iya tsayawa a kan duwatsu.
Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
35 Ya hori hannuwana don yaƙi, hannuwana za su iya tanƙware bakan tagulla.
Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
36 Ka ba ni garkuwar nasararka; ka sauko don ka sa in sami girma.
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
37 Ka fadada hanya a ƙarƙashina domin kada idon ƙafana yă juya.
Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
38 “Na fafari abokan gābana, na murƙushe su; ban kuwa juya ba sai da na hallaka su.
“Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
39 Na hallaka su ƙaƙaf, ba kuwa za su ƙara tashi ba, sun fāɗi a ƙarƙashin sawuna.
Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
40 Ka ba ni ƙarfi don yaƙi; ka sa maƙiyina suka rusuna a ƙafafuna.
Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
41 Ka sa abokan gābana suka juya a guje, na kuwa hallaka maƙiyina.
Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
42 Suka nemi taimako, amma babu wanda zai cece su, suka yi kira ga Ubangiji, amma ba a amsa musu ba.
Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
43 Na murƙushe su, suka yi laushi kamar ƙura; na daka na kuma tattake su kamar caɓi a kan tituna.
Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
44 “Ka kuɓutar da ni daga harin mutanena; ka kiyaye ni kamar shugaban al’ummai. Mutanen da ban sansu ba za su kasance a ƙarƙashina,
“Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. Sabni ani hin beekne na tajaajila;
45 baƙi kuma su na zuwa don su yi mini fadanci; da zarar sun ji ni, sukan yi mini biyayya.
namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
46 Zukatansu ta karaya; suka fito da rawan jiki daga kagararsu.
Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
47 “Ubangiji yana a raye! Yabo ta tabbata ga Dutsena! Ɗaukaka ga Allah, Dutse, Mai Cetona!
“Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
48 Shi ne Allahn da yake rama mini, wanda ya sa al’ummai a ƙarƙashina,
Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jala galchu,
49 wanda ya kuɓutar da ni daga maƙiyina. Ka ɗaukaka ni bisa maƙiyina; ka kiyaye ni daga hannun mugayen mutane.
kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
50 Saboda haka, zan yabe ka, ya Ubangiji cikin dukan al’ummai; Zan rera waƙoƙin yabo ga sunanka.
Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
51 “Ya ba wa sarkinsa kyakkyawan nasara; ya nuna madawwamiyar ƙauna ga shafaffensa, ga Dawuda da zuriyarsa har abada.”
“Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, araara bara baraa ni argisiisa.”

< 2 Sama’ila 22 >