< 1 Sama’ila 15 >
1 Sama’ila ya ce wa Shawulu, “Ni ne wanda Ubangiji ya aika in shafe ka ka zama sarki bisa mutanensa Isra’ila. Saurara yanzu ka ji saƙo daga wurin Ubangiji.
Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf Waaqayyo na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi.
2 Ga abin da Ubangiji Maɗaukaki ya ce, ‘Zan hori Amalekawa saboda abin da suka yi wa Isra’ila sa’ad da suka ba su wahala yayinda suka fito daga Masar.
Waaqayyo Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba.
3 Yanzu ka tafi ka yaƙi Amalekawa, ka hallaka kome da yake nasu, kada ka bar su da rai, ka kashe maza, da mata, da yara, da jarirai, da dabbobi, da tumaki, da raƙuma, da kuma jakuna.’”
Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’”
4 Sai Shawulu ya tattara sojoji, ya ƙidaya su a Telayim, ya sami su dubu ɗari biyu da dubu goma daga Yahuda.
Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan.
5 Shawulu ya tafi birnin Amalek ya yi kwanto a kwari.
Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe.
6 Sai Shawulu ya ce wa Keniyawa, “Ku tashi ku bar Amalekawa don kada in hallaka ku tare da su, saboda kun yi wa dukan Isra’ilawa kirki, lokacin da suka fito daga Masar.” Saboda haka Keniyawa suka tashi suka bar Amalekawa.
Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan.
7 Sa’an nan Shawulu ya ci Amalekawa da yaƙi tun daga Hawila har zuwa Shur, a gabashin iyakar Masar.
Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe.
8 Ya kama Agag sarkin Amalekawa da rai. Ya kuma hallaka dukan mutanensa da takobi.
Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe.
9 Amma Shawulu da sojojinsa suka bar Agag, da tumaki, da shanu, da’yan maruƙa masu ƙiba da kuma duk abin da yake mai kyau da rai. Waɗannan ba su so su hallaka su gaba ɗaya ba, amma duk abin da ba a so da kuma marar amfani suka hallaka.
Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
10 Sai Ubangiji ya yi magana da Sama’ila ya ce,
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe;
11 “Na damu da na naɗa Shawulu sarki, domin ya juya mini baya, bai kuma bi umarnina ba.” Sama’ila ya damu ƙwarai, ya yi kuka ga Ubangiji dukan dare.
“Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu Waaqayyotti booʼaa bule.
12 Kashegari da sassafe sai Sama’ila ya tashi ya tafi domin yă sadu da Shawulu, amma aka gaya masa cewa Shawulu ya tafi Karmel. A can ya yi wa kansa abin tunawa don yă girmama kansa, daga can kuma ya juya ya gangara zuwa Gilgal.
Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame.
13 Da Sama’ila ya kai wurinsa, sai Shawulu ya ce, “Ubangiji yă albarkace ka, na aikata umarnin Ubangiji.”
Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani ajaja Waaqayyoo eegeera” jedhe.
14 Amma Sama’ila ya ce, “Ashe, waɗannan ba kukan tumaki ke nan nake ji a kunnena ba? Wane kuka shanu ke nan nake ji?”
Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe.
15 Shawulu ya amsa ya ce, “Sojoji ne suka kawo su daga Amalekawa. Sun bar tumaki da shanu masu kyau da rai don su yi wa Ubangiji Allahnka hadaya, amma sauran mun hallaka duka.”
Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise.
16 Sama’ila ya ce, “Dakata, bari in faɗa maka abin da Ubangiji ya ce mini jiya da dare.” Shawulu ya ce, “Gaya mini.”
Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan Waaqayyo eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe. Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe.
17 Sama’ila ya ce, “Ko da yake kana ganin kanka kai ba wani abu ne ba, ashe, ba kai ne yanzu shugaban kabilan Isra’ila ba? Ubangiji ya shafe ka ka zama sarkin Isra’ila.
Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? Waaqayyos Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.
18 Shi kuma ya aika, ya umarce ka cewa, ‘Tafi ka hallaka Amalekawa mugayen mutanen nan duka, ka yaƙe su sai ka share su ƙaf.’
Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture.
19 Me ya sa ba ka bi umarnin Ubangiji ba? Me ya sa ka sa hannu a ganima, ka kuma yi mugun abu a gaban Ubangiji?”
Ati maaliif Waaqayyoof hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjette?”
20 Shawulu ya ce, “Amma na bi umarnin Ubangiji. Na bi saƙon da Ubangiji ya ba ni. Na hallaka Amalekawa, na kuma kamo Agag sarkinsu.
Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani Waaqayyoof ajajameera; gara Waaqayyo itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera.
21 Sojoji suka kawo tumaki da shanu mafi kyau daga cikin ganimar domin a miƙa hadaya ga Ubangiji Allahnka a Gilgal.”
Loltoonni garuu Gilgaalitti Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.”
22 Amma Sama’ila ya ce, “Ubangiji yana murna da sadaka da hadaya fiye da biyayya ga maganar Ubangiji? Yin biyayya ta fi hadaya a kula kuma ta fi ƙibabbun raguna.
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
23 Gama tawaye yana kama da zunubi na duba, girman kai kuma yana kama da bautar gumaka. Saboda ka ƙi maganar Ubangiji, shi ma ya ƙi ka da zaman sarki.”
Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
24 Sai Shawulu ya ce wa Sama’ila, “Na yi zunubi, na ƙi bin umarnin Ubangiji, na kuma ƙi bin maganarka. Na ji tsoron mutane ne shi ya sa na bi maganarsu.
Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja Waaqayyootii fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera.
25 Yanzu fa, ina roƙonka ka yafe mini zunubina, ka koma tare da ni, domin in yi wa Ubangiji sujada.”
Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani Waaqayyoof sagaduuf na wajjin deebiʼi.”
26 Amma Sama’ila ya ce, “Ba zan koma tare da kai ba. Ka ƙi maganar Ubangiji, Ubangiji kuma ya ƙi ka da zama sarki a bisa Isra’ila.”
Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii Waaqayyoo tuffatteerta; Waaqayyos saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
27 Da Sama’ila ya juya zai tafi, sai Shawulu ya kama bakin rigarsa, sai rigar ta yage.
Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe.
28 Sama’ila ya ce masa, “Ubangiji ya yage masarautar Isra’ila daga gare ka yau, ya ba wa wani daga cikin maƙwabtanka wanda ya fi ka.
Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Waaqayyo harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera.
29 Shi wanda yake Ɗaukakar Isra’ila ba ya ƙarya ko yă canja zuciyarsa, gama shi ba mutum ba ne da zai canja zuciyarsa.”
Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.”
30 Shawulu ya ce, “Na yi zunubi. Amma ina roƙonka ka ba ni girma a gaban dattawan mutanena da kuma a gaban Isra’ila, ka koma tare da ni domin in yi wa Ubangiji Allahnka sujada.”
Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani Waaqayyo Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe.
31 Saboda haka sai Sama’ila ya koma tare da Shawulu, Shawulu kuwa ya yi wa Ubangiji sujada.
Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis Waaqayyoof sagade.
32 Sa’an nan Sama’ila ya ce, “Kawo mini Agag sarkin Amalekawa.” Agag kuwa ya zo wurinsa daure da sarƙa, yana tunani cewa, “Tabbatacce zancen mutuwa dai ya wuce.”
Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe. Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe.
33 Amma Sama’ila ya ce, “Yadda takobinka ya sa mata suka rasa’ya’ya, haka mahaifiyarka za tă zama marar’ya’ya a cikin mata.” Sama’ila kuwa ya kashe Agag a Gilgal a gaban Ubangiji.
Saamuʼeel garuu, “Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana, haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti” jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula Waaqayyoo duratti Agaagin ciccire.
34 Sai Sama’ila ya tafi Rama, amma Shawulu ya haura zuwa gidansa a Gibeya na Shawulu.
Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele.
35 Daga wannan rana Sama’ila bai ƙara saduwa da sarki Shawulu ba, har rasuwar Sama’ila, amma ya yi baƙin ciki sosai a kan Shawulu. Ubangiji kuwa ya damu da ya sa Shawulu ya zama Sarkin Isra’ila ba.
Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. Waaqayyos Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe.