< Numbers 20 >

1 And the children of Israel, [even] the whole congregation, came into the wilderness of Sin, in the first month, and the people abode in Cades; and Mariam died there, and was buried there.
Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte.
2 And there was no water for the congregation: and they gathered themselves together against Moses and Aaron.
Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame.
3 And the people reviled Moses, saying, Would we had died in the destruction of our brethren before the Lord!
Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Waaqayyoo duratti duʼan sana duunee jiraannee!
4 And therefore have you brought up the congregation of the Lord into this wilderness, to kill us and our cattle?
Isin maaliif waldaa Waaqayyoo gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?
5 And therefore [is] this? You have brought us up out of Egypt, that we should come into this evil place; a place where there is no sowing, neither figs, nor vines, nor pomegranates, neither is there water to drink.
Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
6 And Moses and Aaron went from before the assembly to the door of the tabernacle of witness, and they fell upon their faces; and the glory of the Lord appeared to them.
Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti mulʼate.
7 And the Lord spoke to Moses, saying,
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
8 Take your rod, and call the assembly, you and Aaron your brother, and speak you to the rock before them, and it shall give forth its waters; and you shall bring forth for them water out of the rock, and give drink to the congregation and their cattle.
“Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
9 And Moses took his rod which was before the Lord, as the Lord commanded.
Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Waaqayyoo dura jiru sana fuudhe.
10 And Moses and Aaron assembled the congregation before the rock, and said to them, Hear me, you disobedient ones; must we bring you water out of this rock?
Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.
11 And Moses lifted up his hand and struck the rock with his rod twice; and much water came forth, and the congregation drank, and their cattle.
Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
12 And the Lord said to Moses and Aaron, Because you have not believed me to sanctify me before the children of Israel, therefore you shall not bring this congregation into the land which I have given them.
Waaqayyo garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
13 This is the water of Strife, because the children of Israel spoke insolently before the Lord, and he was sanctified in them.
Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Waaqayyoon wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
14 And Moses sent messengers from Cades to the king of Edom, saying, Thus says your brother Israel; You know all the distress that has come upon us.
Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge: “Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta.
15 And [how] our fathers went down into Egypt, and we sojourned in Egypt many days, and the Egyptians afflicted us and our fathers.
Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;
16 And we cried to the Lord, and the Lord heard our voice, and sent an angel and brought us out of Egypt; and now we are in the city of Cades, at the extremity of your coasts.
garuu nu Waaqayyotti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
17 We will pass through your land: we will not go through the fields, nor through the vineyards, nor will we drink water out of your cistern: we will go by the king's highway; we will not turn aside to the right hand or to the left, until we have passed your borders.
Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
18 And Edom said to him, You shall not pass through me, and if otherwise, I will go forth to meet you in war.
Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne: “Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.”
19 And the children of Israel say to him, We will pass by the mountain; and if I and my cattle drink of your water, I will pay you: but it is no matter of importance, we will go by the mountain.
Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan: “Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.”
20 And he said, You shall not pass through me; and Edom went forth to meet him with a great host, and a mighty hand.
Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan: “Isin asiin hin dabartan.” Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe.
21 So Edom refused to allow Israel to pass through his borders, and Israel turned away from him.
Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
22 And they departed from Cades; and the children of Israel, even the whole congregation, came to Mount Or.
Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.
23 And the Lord spoke to Moses and Aaron in mount Or, on the borders of the land of Edom, saying,
Waaqayyos Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
24 Let Aaron be added to his people; for you shall certainly not go into the land which I have given the children of Israel, because you provoked me at the water of strife.
“Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.
25 Take Aaron, and Eleazar his son, and bring them up to the mount Or before all the congregation;
Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.
26 and take Aaron's apparel from off him, and put it on Eleazar his son: and let Aaron die there and be added to [his people].
Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
27 And Moses did as the Lord commanded him, and took him up to mount Or, before all the congregation.
Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.
28 And he took Aaron's garments off him, and put them on Eleazar his son, and Aaron died on the top of the mountain; and Moses and Eleazar came down from the mountain.
Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;
29 And all the congregation saw that Aaron was dead: and they wept for Aaron thirty days, [even] all the house of Israel.
yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.

< Numbers 20 >