< Psalms 100 >

1 Make a joyful noise to Jehovah, all ye lands.
Faarfannaa Galataa. Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
2 Serve Jehovah with gladness. Come before his presence with singing.
Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
3 Know ye that Jehovah, he is God. It is he who has made us, and we are his. We are his people, and the sheep of his pasture.
Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
4 Enter into his gates with thanksgiving, and into his courts with praise. Give thanks to him, and bless his name.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
5 For Jehovah is good. His loving kindness is forever, and his faithfulness to all generations.
Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

< Psalms 100 >