Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 20 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/20 1) Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: 2) “Waan ani akka malee jeeqameef, yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa. 3) Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa. 4) “Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii? 5) Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti. 6) Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee mataan isaa duumessawwan tuqus, 7) inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu. 8) Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama. 9) Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu. 10) Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba. 11) Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, isa wajjin biyyoo keessa ciisa. 12) “Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu, 13) inni afaanii baafatee gatuu jibbee afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu, 14) nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; isa keessattis hadhaa bofaa taʼa. 15) Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha. 16) Inni summii bofaa xuuxa; arrabni buutiis isa ajjeesa. 17) Inni laga yaaʼu, burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu. 18) Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu. 19) Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera. 20) “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu. 21) Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu. 22) Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; dhiphinni cimaanis isa qabata. 23) Yeroo inni garaa isaa guutatutti, Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; dhaʼicha isaa illee itti roobsa. 24) Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, xiyya naasiitu isa waraana. 25) Dudga isaa keessaa xiyya, tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. Sodaan guddaan isa qabata; 26) dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa. 27) Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; laftis isatti kaati. 28) Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema. 29) Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!