Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Isaiah Chapter 61 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Isaiah/61 1) Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera; 2) akka ani bara tola Waaqayyootii fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf, 3) akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman. 4) Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru; iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis akka duraatti deebisu; magaalaawwan diigaman, kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu. 5) Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu; ormoonnis lafa qotiisaa fi iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu. 6) Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu; tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu. 7) Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan. 8) “Ani Waaqayyo murtii qajeelaa nan jaalladhaatii; saamichaa fi yakka nan jibba. Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa; kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala. 9) Sanyiin isaanii saboota gidduutti, ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu. Warri isaan argan hundi, akka isaan saba Waaqayyo eebbise taʼan ni beeku.” 10) Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii. 11) Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana Waaqayyo Gooftaan akka qajeelummaa fi galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!