Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Hosea Chapter 1 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Hosea 1) Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha: 2) Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.” 3) Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef. 4) Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa. 5) Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.” 6) Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi. 7) Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.” 8) Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse. 9) Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi. 10) “Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu. 11) Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!