Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Orormo Contemporary Version, 1-Chronicles Chapter 5 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/1-Chronicles/5 1) Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne; 2) Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti. 3) Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii. 4) Ilmaan Yooʼeel: Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, Shimeʼii ilma isaa, 5) Miikaa ilma isaa, Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi 6) Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture. 7) Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas, 8) Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel. Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan. 9) Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan. 10) Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan. 11) Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis: 12) Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan. 13) Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha: Miikaaʼel, Meshulaam, Shebaa, Yooraay, Yaakaan, Ziiʼaa fi Eeber; walumaa galatti torba turan. 14) Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti. 15) Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti. 16) Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan. 17) Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman. 18) Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan. 19) Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan. 20) Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne. 21) Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan; 22) sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan. 23) Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan. 24) Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti. 25) Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha. 26) Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!