< Xuất Hành 27 >

1 “Đóng một cái bàn thờ hình vuông bằng gỗ keo, mỗi bề 2,3 mét, cao 1,4 mét.
“Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu.
2 Bốn góc có bốn sừng được gắn dính liền với bàn thờ. Bọc đồng chung quanh bàn thờ và sừng.
Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi.
3 Thùng đựng tro, xuổng, bồn chứa nước, đinh ba, và đĩa đựng than lửa đều làm bằng đồng.
Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi.
4 Làm một cái rá giữ than bằng lưới đồng, bốn góc rá có bốn khoen đồng.
Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi.
5 Đặt rá vào bàn thờ, mép nhô ra bên trong bàn thờ sẽ giữ rá cao đến phân nửa bàn thờ.
Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi.
6 Làm đòn khiêng bàn thờ bằng gỗ keo bọc đồng.
Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi.
7 Xỏ đòn vào các khoen hai bên bàn thờ để khiêng.
Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman.
8 Bàn thờ được đóng bằng ván, rỗng ở giữa, như kiểu mẫu Ta cho con xem trên núi này.”
Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu.
9 “Chung quanh Đền Tạm sẽ có hành lang bao bọc. Hành lang được tạo thành bằng màn vải gai mịn treo trên các trụ đồng. Trụ đồng có các móc bằng bạc và các đai cũng bằng bạc.
“Dunkaana qulqulluu sanaaf oobdii hojjedhu. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu; innis golgaa quncee talbaa gaarii foʼame irraa hojjetamee
10 Hành lang phía nam, dài 46 mét, có hai mươi trụ đồng dựng trên hai mươi lỗ trụ cũng bằng đồng.
utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanneenis meetii irraa haa hojjetaman.
11 Hành lang phía bắc cũng được làm như ở phía nam, dài 46 mét, có hai mươi trụ đồng dựng trên hai mươi lỗ trụ cũng bằng đồng
Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaawwan utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanaas meetii irraa haa tolfaman.
12 Hành lang phía tây dài 23 mét, màn được treo trên mười trụ dựng trên mười lỗ trụ.
“Oobdiin kun gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan, utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaban haa qabaatu.
13 Hành lang phía đông cũng dài 23 mét.
Oobdiin kun fiixee baʼaatiin karaa baʼa biiftuutiin akkasuma dhundhuma shantama haa balʼatu.
14 Hai bên cửa Đền Tạm có hai bức màn bên phải dài 6,9 mét,
Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra haa jiraatan.
15 mỗi bức rộng 6,9 mét, treo trên ba trụ dựng trên ba lỗ trụ.
Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis gama kaaniin haa jiraatan.
16 Cửa vào hành lang có một bức màn dài 9,2 mét bằng vải gai mịn thêu chỉ xanh, tím, và đỏ. Màn được treo trên bốn trụ dựng trên bốn lỗ trụ.
“Balbala oobdii sanaatiifis golgaa dhundhuma digdama dheeratee utubaa afurii fi miilla afur qabu kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tokko tolchi.
17 Tất cả các trụ chung quanh hành lang được viền bằng bạc, có móc bằng bạc và lỗ trụ bằng đồng.
Utuboonni naannoo oobdii sanaa hundinuu somaawwanii fi hokkoowwan meetiitii fi miillawwan naasii haa qabaatan.
18 Vậy, chiều dài của hành lang là 46 mét, chiều rộng 23 mét, và chiều cao 2,3 mét, bao bọc bằng vải gai mịn.
Oobdiin sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma shantamaa haa qabaatu; golgaa quncee talbaa gaarii foʼamee dhundhuma shan ol dheeratuu fi miillawwan naasii irraa hojjetame haa qabaatu.
19 Tất cả các dụng cụ dùng trong Đền Tạm, kể cả các cái móc, đều làm bằng đồng.”
Miʼi tajaajila dunkaana qulqulluu sanaatiif fayyadu biraa hundi, tajaajila kam iyyuu taanaan, qofoo dunkaanichaatii fi qofoo oobdii sanaa hunda dabalatee naasii irraa haa hojjetamu.
20 “Hãy truyền cho người Ít-ra-ên đem dầu ô-liu nguyên chất đến để đốt đèn trong đền, đèn này phải cháy sáng luôn.
“Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersa cuunfame taliila isaa ibsaadhaaf siif fidan saba Israaʼel ajaji.
21 A-rôn và các con trai người phải lo chăm sóc đèn cho sáng luôn cả đêm lẫn ngày trong Đền Tạm, bên ngoài bức màn, trước mặt Chúa Hằng Hữu. Đây là một quy lệ người Ít-ra-ên phải giữ mãi mãi.”
Aroonii fi ilmaan isaa dunkaana wal gaʼii keessatti golgaa fuula taabota kakuu seeraa dura jiruun alatti akka ibsaan sun galgalaa hamma ganamaatti fuula Waaqayyoo duratti bobaʼuu haa godhan. Wanni kunis saba Israaʼel keessatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.

< Xuất Hành 27 >