< सफ़न 2 >
1 ऐ बेहया क़ौम, जमा' हो, जमा' हो;
Yaa saba qaanii hin qabne, walitti qabamaa; walitti qabamaa;
2 इससे पहले के फ़रमान — ए — इलाही ज़ाहिर हो, और वह दिन भुस की तरह जाता रहे, और ख़ुदावन्द का बड़ा क़हर तुम पर नाज़िल हो, और उसके ग़ज़ब का दिन तुम पर आ पहुँचे।
utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin, utuu aariin Waaqayyoo bobaʼaan sun isinitti hin dhufin, utuu guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo isinitti hin dhufin walitti qabamaa.
3 ऐ मुल्क के सब हलीम लोगों, जो ख़ुदावन्द के हुक्मों पर चलते हो, उसके तालिब हो, रास्तबाज़ी को ढूँढों, फ़रोतनी की तलाश करो; शायद ख़ुदावन्द के ग़ज़ब के दिन तुम को पनाह मिले।
Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Waaqayyoon barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti ni golbomamtu taʼaatii.
4 क्यूँकि ग़ज़्ज़ा मतरूक होगा, और अस्क़लोन वीरान किया जाएगा, और अशदूद दोपहर को ख़ारिज कर दिया जाएगा, और अक़रून की बेख़कनी की जाएगी।
Gaazaan duwwaa hafti; Ashqaloon immoo ni onti. Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa; Eqroon immoo ni buqqifamti.
5 समन्दर के साहिल के रहने वालो, या'नी करेतियों की क़ौम पर अफ़सोस! ऐ कना'न, फ़िलिस्तियों की सरज़मीन, ख़ुदावन्द का कलाम तेरे ख़िलाफ़ है; मैं तुझे हलाक — ओ — बर्बाद करूँगा यहाँ तक कि कोई बसने वाला न रहे।
Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan, isiniif wayyoo; yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee sitti dhufeera; “Ani sin barbadeessa; namni tokko iyyuu hin hafu.”
6 और समन्दर के साहिल, चरागाहें होंगे, जिनमें चरवाहों की झोपड़ियाँ और भेड़ख़ाने होंगे।
Biyyi qarqara galaanaa, iddoon Kaliitonni jiraatan, iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa.
7 और वही साहिल, यहूदाह के घराने के बक़िया के लिए होंगे; वह उनमें चराया करेंगे, वह शाम के वक़्त अस्क़लून के मकानों में लेटा करेंगे, क्यूँकि ख़ुदावन्द उनका ख़ुदा, उन पर फिर नज़र करेगा, और उनकी ग़ुलामी को ख़त्म करेगा।
Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa; isaan achitti lafa dheedaa argatu. Isaan galgala galgala mana Ashqaloon keessa ciciisu. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan tiksa; boojuu isaaniis ni deebisaaf.
8 मैंने मोआब की मलामत और बनी 'अम्मोन की लान'तान सुनी है उन्होंने मेरी क़ौम को मलामत की और उनकी हुदूद को दबा लिया है।
“Ani arrabsoo Moʼaabii fi Qoosaa Amoonotaa, warra saba koo arrabsanii fi biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera.
9 इसलिए रब्ब — उल — अफ़वाज इस्राईल का ख़ुदा फ़रमाता है, मुझे अपनी हयात की क़सम यक़ीनन मोआब सदूम की तरह होगा, और बनी 'अम्मोन 'अमूरा की तरह; वह पुरख़ार और नमकज़ार और हमेशा से हमेशा तक बर्बाद रहेंगे। मेरे लोगों के बाक़ी उनको ग़ारत करेंगे, और मेरी क़ौम के बाक़ी लोग उनके वारिस होंगे।
Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel; “Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom, Amoononnis akka Gomoraa, iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa, lafa bara baraan one ni taʼu. Hambaan uummata kootii isaan saamu; warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu.”
10 ये सब कुछ उनके तकब्बुर की वजह से उन पर आएगा, क्यूँकि उन्होंने रब्ब — उल — अफ़वाज के लोगों को मलामत की और उन पर ज़ियादती की।
Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha; isaan saba Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii itti qoosaniiruutii.
11 ख़ुदावन्द उनके लिए हैबतनाक होगा, और ज़मीन के तमाम मा'बूदों को लाग़र कर देगा, और बहरी ममालिक के सब बाशिन्दे अपनी अपनी जगह में उसकी इबादत करेंगे।
Waaqayyo yeroo waaqota biyyattii hunda barbadeessutti, akka malee isaan sodaachisa. Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan, namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata.
12 ऐ कूश के बाशिन्दो, तुम भी मेरी तलवार से मारे जाओगे।
“Yaa warra Itoophiyaa isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu.”
13 और वह शिमाल की तरफ़ अपना हाथ बढ़ायेगा और असूर को हलाक करेगा, और नीनवा को वीरान और सेहरा की तरह ख़ुश्क कर देगा।
Inni kaabatti harka ol fudhata; Asoorinis ni barbadeessa; Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa; akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa.
14 और जंगली जानवर उसमें लेटेंगे, और हर क़िस्म के हैवान, हवासिल और ख़ारपुश्त उसके सुतूनों के सिरों पर मक़ाम करेंगे; उनकी आवाज़ उसके झरोकों में होगी, उसकी दहलीज़ों में वीरानी होगी, क्यूँकि देवदार का काम खुला छोड़ा गया है।
Bushaayee fi loon, uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu. Urunguu fi dhaddeen utubaa ishee irra boqotu. Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama; diigamni balbala isaanii dura jira; demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa.
15 ये वह शादमान शहर है जो बेफ़िक्र था, जिसने दिल में कहा, मैं हूँ, और मेरे अलावा कोई दूसरा नहीं। वह कैसा वीरान हुआ, हैवानों के बैठने की जगह! हर एक जो उधर से गुज़रेगा सुसकारेगा और हाथ हिलाएगा।
Kun magaalaa of hin eegganne kan garuu nagumaan jiraattuu dha. Magaalaan kun, “Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru” ofiin jette. Isheen akkam akkas ontee, iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate! Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa; harka isaas ni raasa.