< ज़बूर 67 >
1 ख़ुदा हम पर रहम करे और हम को बरक़त बख़्शे; और अपने चेहरे को हम पर जलवागर फ़रमाए, (सिलाह)
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;
2 ताकि तेरी राह ज़मीन पर ज़ाहिर हो जाए, और तेरी नजात सब क़ौमों पर।
kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
3 ऐ ख़ुदा! लोग तेरी ता'रीफ़ करें; सब लोग तेरी ता'रीफ़ करें।
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
4 उम्मते ख़ुश हों और ख़ुशी से ललकारें, क्यूँकि तू रास्ती से लोगों की 'अदालत करेगा, और ज़मीन की उम्मतों पर हुकूमत करेगा (सिलाह)
Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
5 ऐ ख़ुदा! लोग तेरी ता'रीफ़ करें; सब लोग तेरी ता'रीफ़ करें।
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
6 ज़मीन ने अपनी पैदावार दे दी, ख़ुदा या'नी हमारा ख़ुदा हम को बरकत देगा।
Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
7 ख़ुदा हम को बरकत देगा; और ज़मीन की इन्तिहा तक सब लोग उसका डर मानेंगे।
Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.