< ज़बूर 112 >

1 ख़ुदावन्द की हम्द करो! मुबारक है वह आदमी जो ख़ुदावन्द से डरता है, और उसके हुक्मों में खू़ब मसरूर रहता है!
Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
2 उसकी नसल ज़मीन पर ताक़तवर होगी; रास्तबाज़ों की औलाद मुबारक होगी।
Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
3 माल — ओ — दौलत उसके घर में है; और उसकी सदाकत हमेशा तक क़ाईम है।
Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4 रास्तबाज़ों के लिए तारीकी में नूर चमकता है; वह रहीम — ओ — करीम और सादिक है।
Nama tolaa fi arjaadhaaf, gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
5 रहम दिल और क़र्ज़ देने वाला आदमी फ़रमाँबरदार है; वह अपना कारोबार रास्ती से करेगा।
Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
6 उसे कभी जुम्बिश न होगी: सादिक की यादगार हमेशा रहेगी।
Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
7 वह बुरी ख़बर से न डरेगा; ख़ुदावन्द पर भरोसा करने से उसका दिल क़ाईम है।
Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.
8 उसका दिल बरकरार है, वह डरने का नहीं, यहाँ तक कि वह अपने मुख़ालिफ़ों को देख लेगा।
Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
9 उसने बाँटा और मोहताजों को दिया, उसकी सदाक़त हमेशा क़ाईम रहेगी; उसका सींग इज़्ज़त के साथ बलन्द किया जाएगा।
Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
10 शरीर यह देखेगा और कुढ़ेगा; वह दाँत पीसेगा और घुलेगा; शरीरों की मुराद बर्बाद होगी।
Namni hamaan waan kana argee aara; ilkaan isaa qara; baqees ni bada; hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.

< ज़बूर 112 >