< 1 तवा 26 >
1 दरबानों के फ़रीक़ यह थे: क़ुरहियों में मसलमियाह बिन कूरे, जो बनी आसफ़ में से था;
Akka itti eegdonni karraa qoodaman: Gosa qoree keessaa: Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi.
2 और मसलमियाह के यहाँ बेटे थे: ज़करियाह पहलौठा, यदी'एल दूसरा, जबदियाह तीसरा, यतनीएल चौथा,
Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel, sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel,
3 ऐलाम पाँचवाँ, यहूहानान छटा, इलीहू'ऐनी सातवाँ था।
inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan, torbaffaan Eliihooʼeenayi.
4 और 'ओबेदअदोम के यहाँ बेटे थे: समायाह पहलौठा, यहूज़बा'द दूसरा, यूआख़ तीसरा, और सकार चौथा, और नतनीएल पाँचवाँ,
Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad, sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar, shanaffaan Naatnaaʼel,
5 'अम्मीएल छटा, इश्कार सातवाँ, फ़'उलती आठवाँ; क्यूँकि ख़ुदा ने उसे बरकत बख़्शी थी।
jaʼaffaan Amiiʼeel, torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii; Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii.
6 उसके बेटे समायाह के यहाँ भी बेटे पैदा हुए, जो अपने आबाई खानदान पर सरदारी करते थे क्यूँकि वह ताक़तवर सूर्मा थे।
Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan.
7 समायाह के बेटे: उतनी और रफ़ाएल और 'ओबेद और इलज़बा'द, जिनके भाई इलीहू और समाकियाह सूर्मा थे।
Ilmaan Shemaaʼiyaa: Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad; firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture.
8 यह सब 'ओबेदअदोम की औलाद में से थे। वह और उनके बेटे और उनके भाई ख़िदमत के लिए ताक़त के 'ऐतबार से क़ाबिल आदमी थे, यूँ 'ओबेदअदोमी बासठ थे।
Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.
9 मसलमियाह के बेटे और भाई अठारह सूर्मा थे।
Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.
10 और बनी मिरारी में से हूसा के हाँ बेटे थे: सिमरी सरदार था वह पहलौठा तो न था, लेकिन उसके बाप ने उसे सरदार बना दिया था,
Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis: Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture;
11 दूसरा खिलक़ियाह, तीसरा तबलयाह, चौथा ज़करियाह; हूसा के सब बेटे और भाई तेरह थे।
inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa, inni afuraffaan Zakkaariyaas. Ilmaanii fi firoonni Hoosaa walumatti nama 13 turan.
12 इन्ही में से या'नी सरदारों में से दरबानों के फ़रीक़ थे, जिनका ज़िम्मा अपने भाइयों की तरह ख़ुदावन्द के घर में ख़िदमत करने का था।
Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef.
13 और उन्होंने क्या छोटे क्या बड़े, अपने अपने आबाई ख़ान्दान के मुताबिक़ हर एक फाटक के लिए पर्ची डाला।
Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.
14 पूरब की तरफ़ का पर्ची सलमियाह के नाम निकला। फिर उसके बेटे ज़करियाह के लिए भी, जो 'अक़्लमन्द सलाहकार था, पर्चा डाला गया और उसका पर्चा शिमाल की तरफ़ का निकला।
Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe. Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe.
15 'ओबेदअदोम के लिए जुनूब की तरफ़ का था, और उसके बेटों के लिए ग़ल्लाखाना का।
Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.
16 सुफ़्फ़ीम और हूसा के लिए पश्चिम की तरफ़ सलकत के फाटक के नज़दीक का, जहाँ से ऊँची सड़क ऊपर जाती है ऐसा कि आमने सामने होकर पहरा दें।
Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe. Eegumsa tokko fuulleedhaan eegumsa biraatu ture:
17 पूरब की तरफ़ छ: लावी थे, उत्तर की तरफ़ हर रोज़ चार, दक्खिन की तरफ़ हर रोज़ चार, और तोशाख़ाने के पास दो दो।
Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa, karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur, karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture.
18 पश्चिम की तरफ़ परबार के लिए चार तो ऊँची सड़क पर और दो परबार के लिए।
Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.
19 बनी कोरही और बनी मिरारी में से दरबानों के फ़रीक़ यही थे।
Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.
20 लावियों में से अख़ियाह ख़ुदा के घर के ख़ज़ानों और नज़्र की चीज़ों के ख़ज़ानों पर मुक़र्रर था।
Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture.
21 बनी ला'दान: इसलिए ला'दान के ख़ान्दान के जैरसोनियों के बेटे, जो उन आबाई ख़ान्दानों के सरदार थे, जो जैरसोनी ला'दान से त'अल्लुक रखते थे यह थे: यहीएली।
Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii,
22 और यहीएली के बेटे: जैताम और उसका भाई यूएल, ख़ुदावन्द के घर के खज़ानों पर थे।
ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo turan.
23 अमरामियों, इज़हारियों, हबरूनियों और उज़्ज़ीएलियों में से:
Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa:
24 सबुएल बिन जैरसोम बिन मूसा, बैत — उल — माल पर मुख़्तार था।
Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture.
25 और उसके भाई इली'एलियाज़र की तरफ़ से: उसका बेटा रहबियाह, रहबिया का बेटा यसा'याह, यसा'याह का बेटा यूराम, यूराम का बेटा ज़िकरी, ज़िकरी का बेटा सल्लूमीत।
Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit.
26 यह सल्लूमीत और उसके भाई नज़्र की हुई चीज़ों के सब ख़ज़ानों पर मुक़र्रर थे, जिनको दाऊद बादशाह और आबाई ख़ान्दानों के सरदारों और हज़ारों और सैकड़ों के सरदारों और लश्कर के सरदारों ने नज़्र किया था।
Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan.
27 लड़ाइयों की लूट में से उन्होंने ख़ुदावन्द के घर की मरम्मत के लिए कुछ नज़्र किया था।
Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa Waaqayyootiif addaan baasanii kennan.
28 समुएल गै़बबीन और साऊल बिन क़ीस और अबनेर बिन नेर और योआब बिन ज़रोयाह की सारी नज़्र, ग़रज़ जो कुछ किसी ने नज़्र किया था वह सब सल्लूमीत और उसके भाइयों के हाथ में सुपुर्द था।
Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture.
29 इज़हारियों में से कनानियाह और उसके बेटे, इस्राईलियों पर बाहर के काम के लिए हाकिम और क़ाज़ी थे।
Yizihaarota keessaa: Kenaaniyaa fi ilmaan isaa hojii mana qulqullummaatiin ala taʼetti Israaʼeloota irratti qondaaltotaa fi abbootii murtii taʼanii ramadaman.
30 हबरूनियों में से हसबियाह और उसके भाई, एक हज़ार सात सौ सूर्मा, मग़रिब की तरफ़ यरदन पार के इस्राईलियों की निगरानी की ख़ातिर ख़ुदावन्द के सब काम और बादशाह की ख़िदमत के लिए तैनात थे।
Kebroonota keessaa: Hashabiyaa fi firoonni isaa kanneen dandeettii qaban kuma tokkoo fi dhibba torba biyya Israaʼel kan Yordaanosiin gama lixa biiftuu jirutti hojii Waaqayyoo hundaa fi tajaajila mootichaa irratti itti gaafatamtoota turan.
31 हबरूनियों में यरयाह, हबरूनियों का उनके आबाई ख़ान्दानों के नस्बों के मुताबिक़ सरदार था। दाऊद की हुकूमत के चालीसवें बरस में वह ढूँड निकाले गए, और जिल'आद के या'ज़ेर में उनके बीच ताक़तवर सूर्मा मिले।
Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture. Bara mootummaa Daawit keessa waggaa afurtamaffaatti galmeewwan ilaalamanii gosa Kebroon keessaa namoonni dandeettii qaban Yaʼizeer biyya Giliʼaadi keessaa sanatti argaman.
32 उसके भाई, दो हज़ार सात सौ सूर्मा और आबाई ख़ान्दानों के सरदार थे, जिनकी दाऊद बादशाह ने रूबीनियों और जहियों और मनस्सी के आधे क़बीले पर ख़ुदा के हर एक काम और शाही मु'आमिलात के लिए सरदार बनाया।
Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe.