< Єзекіїль 39 >

1 А ти, сину лю́дський, пророкуй на Ґоґа та й скажеш: Так говорить Господь Бог: Ото Я на тебе, кня́же Ро́шу, Мешеху та Тувалу!
“Yaa ilma namaa, Googiin mormuudhaan raajii dubbadhu; akkanas jedhi: ‘Waaqayyo gooftaan akkana jedha: Yaa Goog, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal ani sitti kaʼeera.
2 І верну́ тебе, і попрова́джу тебе, і підійму́ тебе з півні́чних кінці́в, і впрова́джу тебе на Ізраїлеві го́ри.
Ani dugda duubatti si deebisee gara fuula duraatti sin oofa. Ani kaaba fagootii si fidee tulluuwwan Israaʼelitti sin erga.
3 І виб'ю лука твого з твоєї ліви́ці, а твої стрі́ли кину з твоєї прави́ці.
Ergasii ani harka kee bitaa irraa iddaa kee dhaʼee harka kee mirgaa irraa immoo akka xiyyi kee buʼu nan godha.
4 Упаде́ш на Ізраїлевих гора́х ти й усі відділи твої та наро́ди, що з тобою; віддам тебе на з'їдження хи́жому пта́ству, усякому крила́тому та польові́й звірині́.
Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni si wajjin jiranis tulluuwwan Israaʼel irratti ni kuftu. Ani allaattii raqaa kan gosa hundaatii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna.
5 На відкритому полі впаде́ш ти, бо це Я говорив, говорить Господь Бог!
Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
6 І пошлю́ Я огонь на Маґоґа та на тих, що безпечно заме́шкують острови́, і пізнають вони, що Я — Господь!
Ani Maagoogii fi warra qarqara galaanaa irra nagaadhaan jiraatanitti ibidda nan erga; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
7 А Своє святе Ім'я́ розголошу́ посеред Мого народу Ізраїля, і більше не дам знева́жити святе Моє Йме́ння, і наро́ди пізнають, що Я — Госпо́дь, Святий Ізраїлів!
“‘Ani akka saba koo Israaʼel gidduutti maqaan koo qulqulluun sun beekamu nan godha. Siʼachi akka maqaan koo qulqulluun sun xuraaʼu hin godhu; saboonnis akka ani Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel taʼe ni beeku.
8 Ось при́йде і станеться, — говорить Господь Бог, — це той день, що Я говорив.
Kunoo, wanni kun dhufaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Guyyaan ani jedhes kanaa dha.
9 І повихо́дять ме́шканці Ізраїлевих міст, і накладуть огонь, і палитимуть зброю та щитка́ й щита́, лука та стрі́ли, і ручно́го кия та ра́тище, і будуть ними палити огонь сім років.
“‘Ergasii warri magaalaawwan Israaʼel keessa jiraatan baʼanii miʼa lolaa jechuunis gaachanawwan xixinnaa fi gurguddaa, iddaa fi xiyya, bokkuu lolaatii fi eeboo qoraan godhatanii bobeeffatu. Waggaa torbaafis akka qoraaniitti itti fayyadamu.
10 І не будуть носити дров з поля, і не будуть рубати з лісі́в, бо збро́єю будуть палити огонь, і ві́зьмуть здо́бич із тих, хто брав здо́бич із них, і пограбу́ють тих, хто їх грабував, говорить Господь Бог.
Isaan sababii meeshaalee waraanaa qoraan godhatanii itti fayyadamaniif, dirreedhaa qoraan funaanuun yookaan bosona keessaa qoraan cabsuun isaan hin barbaachisu. Isaan warra isaan saaman ni saamu; warra isaan boojiʼanis ni boojiʼu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
11 І станеться того дня, дам Я там Ґоґові місце гро́бу в Ізраїлі, Долину Перехо́жих, на схід від моря, і що замикає дорогу перехо́жим. І похова́ють там Ґоґа й усе його многолю́дство, та й назвуть: Долина Многолюдства Ґоґа.
“‘Ani gaafas Israaʼel keessaa sulula karaa deemtotaa kan gama baʼa Galaanaatiin jiru sana keessatti Googiif lafa awwaalaa nan kenna. Sababii Googii fi tuunni isaa hundi achitti awwaalamaniif daandii imaltootaa ni cufu. Kanaafuu inni Sulula Hamoon Goog jedhamee waamama.
12 І буде ховати їх Ізраїлів дім, щоб очи́стити землю, сім місяців.
“‘Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf jedhanii jiʼa torba guutuu isaan awwaalu.
13 І буде ховати ввесь наро́д кра́ю, і він стане для них за пам'ятку, того дня, коли Я просла́влю Себе, говорить Господь Бог.
Namoonni biyyattii hundi isaan awwaalu; guyyaan ani itti ulfaadhus guyyaa yaadannoo isaaniif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
14 І відділять людей, які без пере́рви ходи́тимуть по кра́ю й ховатимуть з перехожими позосталих ще на пове́рхні землі, щоб її очи́стити. По семи місяцях вони ще будуть вишу́кувати.
“‘Namoonnis akka biyyattii qulqulleessaniif yeroo yerootti ni qaxaramu. Namoonni tokko tokko guutummaa biyyattii keessa deemu; kaan immoo warra utuu hin awwaalamin hafan awwaalu. Dhuma jiʼa torbaffaattis sakattaʼuu jalqabu.
15 І пере́йдуть ті обхідники́ по кра́ю, і коли хто побачить лю́дську кістку, то поставить при ній знака, аж поки не поховають її похоро́нники в Долині Многолю́дства Ґоґа.
Yommuu isaan biyya keessa deemanitti namni lafee namaa arge kam iyyuu mallattoo itti godha; kunis hamma warri awwaala qotan sun Sulula Hamoon Googiitti awwaalanitti taʼa.
16 А ім'я́ міста — Гамона. І очистять землю.
Magaalaan Hamoonaa jedhamtu tokko achi jirti; isaan akkasiin biyya sana qulqulleessu.’
17 А ти, сину лю́дський, так говорить Господь Бог: Скажи пта́хові, усякому крилатому, та всій польові́й звірині́: Згромадьтеся й прийдіть, зберіться навколо над жертвою, що Я принесу́ для вас, велика жертва на Ізраїлевих гора́х, і ви будете їсти м'ясо, і будете пити кров.
“Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Simbirroo gosa hundaa fi bineensota bosonaa hundatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Naannoo hundaa walitti qabamaatii gara aarsaa ani isiniif qopheessuu, aarsaa guddicha tulluuwwan Israaʼel irratti dhiʼaatu biratti wal gaʼaa. Achittis foon nyaattu; dhiigas ni dhugdu.
18 Ви будете їсти тіло ли́царів, а кров князі́в землі будете пити, — барани́, і ві́вці, і козли́, бики́, — ситі баша́нські бики́ всі вони.
Akka waan isaan korbeeyyii fi xobbaallaa hoolaa, reʼootaa fi jiboota taʼaniitti, isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu; dhiiga bulchitoota lafaas ni dhugdu; hundi isaaniis horii Baashaan kanneen coomanii dha.
19 І будете їсти лій аж до си́тости, і будете пити кров аж до впо́єння з Моєї жертви, яку Я приніс для вас, —
Aarsaa ani isiniif qopheessu irratti hamma quuftanitti cooma nyaattu; hamma machooftanitti illee dhiiga dhugdu.
20 і наси́титеся при Моєму столі кі́ньми та верхівця́ми, ли́царями та всякими вояка́ми, говорить Господь Бог!
Maaddii koo irraas hamma quuftanitti fardeenii fi warra fardeen yaabbatan, namoota jajjaboo fi loltoota gosa hundaa ni nyaattu’ jedha Waaqayyo Gooftaan.
21 І дам Свою славу між наро́дами, і побачать усі наро́ди Мій суд, що зроблю́ Я, та Мою руку, що на них покладу́.
“Ani saboota gidduutti ulfina koo nan argisiisa; saboonni hundi adabbii ani isaan adabee fi harka koo kan ani isaan irra kaaʼe sana ni argu.
22 І пізнає Ізраїлів дім, що Я — Госпо́дь, їхній Бог, від цього дня й далі.
Gaafa sanaa jalqabees manni Israaʼel akka ani Waaqayyo Waaqa isaa taʼe ni beeka.
23 І пізнають наро́ди, що Ізраїлів дім пішов на вигна́ння за провини свої, за те, що спроневі́рилися Мені, а Я схова́в був від них лице Своє, і віддав їх у руку їхніх не́приятелів, і всі вони попа́дали від меча.
Saboonnis akka uummanni Israaʼel sababii cubbuu anaaf amanamuu diduu isaaniitiin hojjetan sanaatiif boojiʼaman ni beeku. Kanaafuu ani fuula koo isaan irraa garagalfadhee diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne; hundi isaanis goraadeedhaan dhuman.
24 За їхньою нечи́стістю та за їхнє беззако́ння зробив Я це з ними, і сховав від них лице Своє.
Ani akkuma xuraaʼummaa isaaniittii fi yakka isaaniittis waan kana isaanitti nan fide; fuula koos isaan duraa dhokfadhe.
25 Тому́ так говорить Господь Бог: Тепер поверну́ долю Якова, і змилуюся над усім Ізраїлевим домом, і буду ревний за Своє святе Йме́ння.
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaaqoobin boojuudhaa nan deebisa; uummata Israaʼel hundaaf garaa nan laafa; maqaa koo qulqullichaafis nan hinaafa.
26 І відчу́ють вони свою га́ньбу та все своє спроневі́рення, яки́м спроневі́рилися Мені, коли сядуть безпечно на своїй землі, і не буде вже ніко́го, хто б їх страши́в,
Isaan yeroo utuu namni tokko iyyuu isaan hin sodaachisin nagaadhaan biyya isaanii keessa jiraatanitti qaanii isaaniitii fi naaf amanamuu diduu isaanii hunda ni irraanfatu.
27 коли поверну́ їх з наро́дів, і позбира́ю їх із країв їхніх ворогів, і покажу Свою святість у них на оча́х числе́нних наро́дів.
Ani yeroon saboota keessaa isaan deebisee biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti, qulqulluu taʼuu koo karaa isaaniitiin fuula saboota baayʼee duratti nan argisiisa.
28 І пізнають вони, що Я — Госпо́дь, Бог їхній, коли ви́жену їх у поло́н до наро́дів, а пото́му позбираю їх на їхню зе́млю, і більш не позоста́влю там ніко́го з них.
Ani akka isaan boojiʼamanii saboota gidduu jiraataniif isaan ergu iyyuu, utuu tokkoo isaanii illee duubatti hin hambisin biyya isaanii keessatti walitti isaan nan qaba; ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.
29 І не сховаю вже від них Свого лиця, бо виллю Духа Свого на Ізраїлів дім, говорить Госпо́дь Бог!“
Siʼachi ani fuula koo isaan duraa hin dhokfadhu; ani Hafuura koo mana Israaʼel irratti nan dhangalaasaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Єзекіїль 39 >