< 1 до солунян 3 >

1 Тому́ то, не сте́рпівши більше, ми схотіли зостатися в Ате́нах самі,
Kanaafuu nu waan hammana caalaa obsuu dadhabneef kophaa keenya Ateenaatti hafuun gaarii nutti fakkaate.
2 і послали Тимофі́я, нашого брата й служи́теля Божого в Христовій Єва́нгелії, щоб упе́внити вас та потішити в вашій вірі,
Nus obboleessa keenya Xiimotewos, tajaajilaa Waaqaa isa wangeela Kiristoosiitti hojjetaa hidhata keenya taʼe sana, akka inni amantii keessanitti isin cimsuu fi isin jajjabeessuuf ergineerra;
3 щоб ані один не хитався в цім горі. Самі бо ви знаєте, що на те нас призначено.
kunis akka namni tokko iyyuu dhiphina kanaan hin jeeqamneef. Isinis akka nu waan kanaaf filatamne sirriitti beektu.
4 Бо коли ми були́ в вас, то казали вам напере́д, що маємо страждати, як і сталось, і знаєте ви.
Yeroo isin bira turretti akka dhiphinni nurra gaʼu isinitti himaa turreetii. Innis akkuma isin beektan sana taʼe.
5 Тому́ й я, не сте́рпівши більше, послав довідатись про вашу віру, щоб ча́сом споку́сник вас не спокусив, і труд наш не стався б даре́мний.
Sababii kanaaf ani yommuun kana caalaa obsuu dadhabetti waaʼee amantii keessanii baruuf jedheen isa erge. Tarii inni nama qoru sun isin qoree dadhabbiin keenyas faayidaa malee hafeera jedheen sodaadhe.
6 А тепер, як вернувся від вас Тимофій і приніс нам радісну звістку про віру та вашу любов, і що за́вжди ви маєте добру пам'ять про нас, і бажаєте бачити нас, як і ми вас,
Amma garuu Xiimotewos isin biraa gara keenya dhufee waaʼee amantii keessaniitii fi waaʼee jaalala keessanii oduu gaarii nutti himeera. Akkasumas akka isin yeroo hunda yaada gaariidhaan nu yaaddanii fi akkuma nu isin arguu hawwinu sana akka isinis nu arguu hawwitan nutti himeera.
7 через те ми потішились, бра́ття, за вас, у всякому горі та в нашій ну́жді, ради вашої віри.
Kanaaf yaa obboloota, nu dhiphinaa fi ariʼatama keenya hunda keessatti amantii keessaniin waaʼee keessan jajjabaanneerra.
8 Бо тепер ми живемо́, якщо в Господі ви стоїте́!
Yoo isin Gooftaatti cimtanii dhaabatan nu dhugumaan ni jiraannaatii.
9 Яку бо подяку ми мо́жемо Богові дати за вас, за всю радість, що нею ми ті́шимося ради вас перед нашим Богом?
Gammachuu sababii keessaniin fuula Waaqa keenyaa duratti qabnu hundaaf waaʼee keessaniif hammam Waaqa galateeffachuu dandeenya?
10 Ми вдень та вночі ревно мо́лимося, щоб побачити ваше лице та допо́внити те, чого не вистача́є вашій вірі.
Nu akka deebinee isin arginuu fi waan amantii keessan keessaa hirʼates akka isinii guutuu dandeenyuuf halkanii guyyaa cimsinee kadhanna.
11 Сам же Бог і Отець наш, і Господь наш Ісус нехай ви́рівняє нашу дорогу до вас!
Ammas Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya mataan isaa, Gooftaan keenya Yesuusis akka nu gara keessan dhufnu karaa nuuf haa qajeelchu.
12 А в вас хай примно́жить Госпо́дь, і нехай збагати́ть вашу любов один до о́дного, і до всіх, як і наша є до вас!
Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.
13 Нехай Він зміцни́ть серця́ ваші невинними в святості перед Богом і нашим Отцем, при прихо́ді Господа нашого Ісуса з усіма́ святими Його́!
Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.

< 1 до солунян 3 >