< 1 Петра 5 >

1 Тож благаю між вами пресві́терів, співпресві́тер та свідок Христових стражда́нь, співучасник слави, що повинна з'явитись:
Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa;
2 пасіть стадо Боже, що у вас, наглядайте не з примусу, але добровільно по-Божому, не для брудної наживи, а ревно,
karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa;
3 не пануйте над спа́дком Божим, але будьте для стада за взір.
karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa.
4 А коли Архипа́стир з'я́виться, то одержите ви нев'яну́чого вінка́ слави.
Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
5 Також молоді, — коріться ста́ршим! А всі майте покору один до о́дного, бо „Бог проти́виться гордим, а смиренним дає благода́ть!“
Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”
6 Тож покоріться під міцну́ Божу руку, щоб Він вас Свого ча́су пови́щив.
Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.
7 Покладіть на Нього всю вашу журбу́, бо Він опікується вами!
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
8 Будьте твере́зі, пильнуйте! Ваш супроти́вник — диявол — ходить, ричучи́, як лев, що шукає пожерти кого́.
Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
9 Противтесь йому́, тверді в вірі, знавши, що ті самі му́ки трапляються й вашому братству по світу.
Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
10 А Бог усякої благодаті, що покликав вас до вічної слави Своєї в Христі, нехай Сам удоскона́лить вас, хто трохи поте́рпів, хай упе́внить, зміцни́ть, уґрунтує. (aiōnios g166)
Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas. (aiōnios g166)
11 Йому слава та вла́да на вічні віки, амі́нь. (aiōn g165)
Bara baraa hamma bara baraatti humni isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
12 Я коротко вам написав через Силуя́на, як гада́ю — вірного брата. Закликаю та свідчу, що це Божа благода́ть правдива, що ви в ній стоїте́.
Anis isin jajjabeessuudhaaf, akka wanni kun ayyaana Waaqaa isa dhugaa taʼe sana dhugaa baʼuuf harka Silwaanos isa ani akka obboleessa amanamaatti hedu sanaatiin gabaabumatti barreessee isinii ergeera. Ayyaana kanaan jabaadhaa dhaabadhaa.
13 Вітає вас ра́зом ви́брана Церква в Вавилоні, і Ма́рко, мій син.
Waldaan kiristaanaa isheen isin wajjin filatamtee Baabilon keessa jirtu sun nagaa isinii dhaamti; ilmi koo Maarqosis akkasuma nagaa isinii dhaama.
14 Вітайте один о́дного поцілунком любови. Мир вам усім у Христі! Амінь.
Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.

< 1 Петра 5 >