< Hesekiel 25 >
1 Awurade asɛm baa me nkyɛn sɛ:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Onipa ba, fa wʼani kyerɛ Amonfoɔ so na hyɛ nkɔm tia wɔn.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji.
3 Ka kyerɛ wɔn sɛ, ‘Montie Otumfoɔ Awurade asɛm. Yei ne deɛ Otumfoɔ Awurade seɛ: Esiane sɛ wokaa “Ahaa” guu me kronkronbea so ɛberɛ a wɔguu ho fi ne Israel asase ɛberɛ a ɛdaa mpan, ne Yudafoɔ ɛberɛ a wɔkɔɔ nnommumfa mu
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii;
4 enti, mede mo rebɛma nnipa a wɔfiri Apueeɛ fam na wɔde mo ayɛ wɔn dea. Wɔbɛkyekyere wɔn nsraban, asisi wɔn ntomadan wɔ mo mu; wɔbɛdi mo nnuaba na wɔanom mo nufosuo.
kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu.
5 Mɛdane Raba ayɛ no yoma adidibea na Amon ayɛ baabi a nnwan gye wɔn ahome. Afei mobɛhunu sɛ mene Awurade no.
Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
6 Na sei na Otumfoɔ Awurade sɛe: Esiane sɛ moabɔ mo nsam de mo nan apempem hɔ, na mo de akoma mu bɔne nyinaa adi ahurisie atia Israel asase enti,
Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii;
7 mɛtene me nsa atia mo na moayɛ afodeɛ ama amanaman no. Mɛtwa mo afiri amanaman no mu na matɔre mo ase wɔ nsase no mu. Mɛsɛe mo na mobɛhunu sɛ mene Awurade no.’”
kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
8 “Yei ne deɛ Otumfoɔ Awurade seɛ: ‘Esiane sɛ Moab ne Seir kaa sɛ, “Monhwɛ, Yuda efie ayɛ sɛ amanaman a aka no”
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii;
9 enti, mɛbue Moab nkyɛn mu, afiri nkuro a ɛdeda nʼahyeɛ so, Bet-Yesimot, Baal-Meon ne Kiriataim, a ɛyɛ asase no animuonyam.
kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa.
10 Na mede Moab bɛka Amonfoɔ ho ama nnipa a wɔwɔ Apueeɛ fam de ayɛ wɔn dea, sɛdeɛ ɛbɛyɛ a wɔrenkae Amonfoɔ wɔ amanaman no mu;
Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna;
11 na mɛtwe Moab aso. Na wɔbɛhunu sɛ mene Awurade no.’”
anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
12 “Yei ne deɛ Otumfoɔ Awurade seɛ: ‘Esiane sɛ Edom tɔɔ werɛ wɔ Yuda efie so na ɔnam so dii fɔ no enti,
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef,
13 deɛ Otumfoɔ Awurade seɛ nie: Mɛtene me nsa atia Edom na makum ne mmarima ne ne mmoa. Mɛma asase a ɛda Teman kɔsi Dedan ada mpan, na wɔbɛtotɔ wɔ akofena ano.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu.
14 Me nkurɔfoɔ Israelfoɔ bɛyɛ nsa a mɛfa so atɔ Edom so wereɛ na wɔ ne no bɛdi no sɛdeɛ mʼabufuo ne mʼabufuhyeɛ teɛ; wɔbɛhunu mʼaweretɔ, Otumfoɔ Awurade asɛm nie.’”
Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
15 “Yei ne deɛ Otumfoɔ Awurade seɛ: ‘Esiane sɛ Filistifoɔ tɔɔ awere, na wɔde akoma mu nsusuiɛ bɔne na ɛyɛɛ saa, na wɔde ɔtane a ɛfiri tete sɛee Yuda enti,
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif,
16 sɛdeɛ Otumfoɔ Awurade seɛ nie: Merebɛtene me nsa atia Filistifoɔ, na matwa Keretifoɔ no agu na masɛe wɔn a wɔaka wɔ mpoano hɔ no.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa.
17 Mɛtɔ wɔn so were a ɛso, na matwe wɔn aso wɔ mʼabufuhyeɛ mu. Na sɛ metɔ wɔn so were a, wɔbɛhunu sɛ mene Awurade no.’”
Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”