< Nnwom 92 >

1 Dwom a wɔto no Homeda. Eye sɛ wɔkamfo wo Awurade na wɔto dwom de hyɛ wo anuonyam, Ɔsorosoroni,
Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
2 na wɔpae mu ka wʼadɔe anɔpa ne wo nokware anadwo,
Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun,
3 wɔ hama du sanku so ne sankuten nnwom mu.
kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
4 Awurade, wo nneyɛe ma mʼani gye; mede anigye to nnwom, wo nsa ano nnwuma nti.
Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
5 Awurade, wo nnwuma yɛ akɛse, na wo nyansa mu dɔ!
Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha!
6 Agyimifo nnim na nkwaseafo nte ase,
Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu;
7 amumɔyɛfo benyin sɛ sare na abɔnefo bɛyɛ frɔmfrɔm de, nanso wɔbɛsɛe wɔn pasaa.
hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
8 Na wo Awurade, wɔayɛ wo ɔkɛse afebɔɔ.
Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
9 Awurade, ampa ara, wʼatamfo bɛyera; na wɔbɛhwete abɔnefo nyinaa.
Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
10 Woama me ahoɔden te sɛ ɛko; woahwie ngohuam papa agu me so.
Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte.
11 Mahu mʼatamfo nkogu a wɔadi, mate sɛnea mʼatamfo atirimɔdenfo aguan afi akono.
Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
12 Atreneefo bɛyɛ frɔmfrɔm te sɛ abedua, wobenyin sɛ Lebanon sida;
Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
13 nea wɔadua wɔ Awurade fi, wobenyin frɔmfrɔm wɔ yɛn Nyankopɔn adiwo hɔ.
isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
14 Wɔbɛkɔ so asow aba, onyinkyɛ mu mpo, wɔbɛyɛ frɔmfrɔm sɛ ahabammono,
Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu.
15 de akyerɛ sɛ, “Awurade yɛ ɔtreneeni; ɔyɛ me botan, na atirimɔdensɛm biara nni ne mu.”
Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.

< Nnwom 92 >