< Nnwom 142 >

1 Dawid de. Bere a na ɔwɔ ɔbodan mu no. Mpaebɔ. Meteɛ mu su frɛ Awurade; mema me nne so su frɛ Awurade sɛ onhu me mmɔbɔ.
Maaskiilii Daawit Ani gara Waaqayyotti nan iyya; sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.
2 Mihwie mʼahiasɛm gu nʼanim; meka me haw kyerɛ no.
Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
3 Sɛ me kra tɔ beraw wɔ me mu a, ɛyɛ wo na wunim me kwan. Ɔkwan a menam so no nnipa asum me afiri.
Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, situ karaa koo beeka. Namoonni daandii ani deemu irra, kiyyoo naa kaaʼaniiru.
4 Hwɛ na hu, obiara nni me nifa so; mʼasɛm mfa obiara ho; minni guankɔbea bi; me nkwa mfa obiara ho.
Gara mirga koo ilaali; argis; namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
5 Awurade, misu frɛ wo; mise, “Wone me guankɔbea, me kyɛfa wɔ ateasefo asase so.”
Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
6 Tie me sufrɛ, na mewɔ ahohia kɛse mu; gye me fi mʼataafo nsam, efisɛ wɔn ho yɛ den sen me.
Ani abdii kutadheeraatii, kadhannaa koo naa dhagaʼi; warra na ariʼatan jalaa na baasi; isaan akka malee natti cimaniiruutii.
7 Yi me fi mʼafiase, na makamfo wo din. Afei atreneefo betwa me ho ahyia esiane wo papa a woayɛ me no nti.
Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. Sababii ati waan gaarii naa gooteef, qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.

< Nnwom 142 >