< Yosua 11 >

1 Bere a Hasorhene Yabin tee asɛm a asi no, ɔtoo ahemfo a wodidi so yi nkra denneennen: Madonhene Yobab, Simronhene ne Aksafhene;
Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate;
2 ahemfo a wɔwɔ atifi fam mmepɔw so, ahemfo a wɔwɔ Yordan Bon a ɛda Galilea anafo fam; ahemfo a wɔwɔ atɔe fam nkoko so; ahemfo a wɔwɔ Nafɔt Dor atɔe fam;
akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate;
3 Kanaan ahemfo a wɔwɔ apuei ne atɔe; Amorifo ahemfo ne Hetifo ahemfo ne Perisifo ahemfo ne ahemfo a wɔwɔ Yebusifo mmepɔw asase so; ne Hewifo a wɔwɔ nkurow a ɛwɔ Hermon bepɔw ase wɔ Mispa asase so.
Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate.
4 Saa ahemfo yi nyinaa gyee pene, boaboaa wɔn nsraadɔm ano sɛ wɔbɛka abɔ mu ako atia Israel. Wɔn nsraadɔm no nyinaa apɔnkɔ dodow ne nteaseɛnam yɛɛ asase no so ma te sɛ mpoano nwea.
Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan.
5 Wɔbɔɔ wɔn atenae wɔ asu a ɛbɛn Merom ho sɛ wɔrebɛko atia Israel.
Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan.
6 Awurade ka kyerɛɛ Yosua se, “Nsuro wɔn. Ɔkyena sesɛɛ bere mu na wɔn nyinaa atotɔ. Bubu wɔn apɔnkɔ no nan na hyew wɔn nteaseɛnam no.”
Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.”
7 Na Yosua ne nʼakofo kɔɔ Merom asu no ho kɔtow hyɛɛ wɔn so mpofirim.
Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan;
8 Na Awurade ma wodii wɔn atamfo no so nkonim. Israelfo no taa wɔn ara kosii Sidon Kɛse ne Misrefot-Maim ho ne Mispa Bon no mu wɔ apuei fam, kosii sɛ atamfo no akofo baako mpo anka.
Waaqayyos dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan.
9 Ɛnna Yosua bubuu apɔnkɔ no anan, san hyew nteaseɛnam no sɛnea Awurade hyɛɛ wɔn no.
Iyyaasuunis akkuma Waaqayyo ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube.
10 Yosua san nʼakyi begyee Hasor kurow no fae, kum ɛhɔ hene. (Na anka Hasor yɛ saa ahemman nkabom no nyinaa kuropɔn.)
Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte.
11 Israelfo no sɛee biribiara a nkwa wɔ mu wɔ kuropɔn no so. Wɔannya ɔkra fua mpo. Na Yosua too Hasor kuropɔn no mu gya.
Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube.
12 Yosua kunkum ahemfo a wɔaka no nyinaa ne wɔn manfo sɛee wɔn pasaa sɛnea Mose, Awurade somfo, hyɛe no pɛpɛɛpɛ.
Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi Waaqayyoo Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse.
13 Mmom, Yosua anhyew kuropɔn biara a esi siw so gye Hasor.
Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne.
14 Na Israelfo no faa asade ne anantwi a wɔwɔ nkurow mmubui no mu nanso wokum emu nnipa no nyinaa.
Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne.
15 Sɛnea Awurade hyɛɛ ne somfo Mose no, saa ara na Mose nso hyɛɛ Yosua. Na Yosua nso yɛɛ sɛnea wɔka kyerɛɛ no no, dii nea Awurade hyɛɛ Mose no nyinaa so.
Akkuma Waaqayyo garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan Waaqayyo Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne.
16 Enti Yosua ko gyee ɔmantam no nyinaa a ɛyɛ mmepɔw man, Negeb, Gosen asase, atɔe fam nkoko, Yordan Bon, Israel mmepɔw ne nsase tataw fae.
Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin,
17 Enti afei, Israel nsase bɛyɛɛ nea efi Halak bepɔw a ekosi Seir wɔ atifi fam toa so kɔ Baal-Gad a ɛwɔ Bepɔw Hermon ase wɔ Lebanon bon mu. Yosua kunkum nsase no so ahemfo nyinaa,
Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese.
18 wɔ mmere tenten akokoakoko mu.
Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture.
19 Kurow biara nni ɔmantam yi mu a ɔne Israelfo yɛɛ asomdwoe apam gye sɛ Hewifo a wɔte Gibeon no. Wodii wɔn a aka no nyinaa so nkonim.
Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan.
20 Awurade pirim wɔn koma ma wɔko tiaa Israelfo wɔ bere a anka ɛsɛ sɛ wɔ ne wɔn yɛ asomdwoe nhyehyɛe. Enti wɔsɛee wɔn pasaa a ahummɔbɔ biara nni mu sɛnea Awurade hyɛɛ Mose no.
Akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse Waaqayyo mataa isaa ti.
21 Saa bere no mu, Yosua tɔree Anak asefo a na wɔte bepɔw nkurow Hebron, Debir, Anab ne bepɔw man Yuda ne Israel nyinaa ase. Okum wɔn nyinaa na ɔsɛee wɔn nkurow no pasaa.
Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse.
22 Wɔn mu ɔbaako koraa anka wɔ Israel asase so, mmom, wɔn mu bi kaa Gasa, Gat ne Asdod.
Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre.
23 Enti Yosua faa asase no nyinaa sɛnea Awurade hyɛɛ Mose no. Ɔde maa Israelfo sɛ wɔn agyapade sononko kyekyɛɛ mu maa mmusuakuw no. Enti awiei no asase no so dwoe.
Kanaafuu Iyyaasuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte.

< Yosua 11 >