< Ɔsɛnkafo 4 >

1 Bio, mehwɛ mihuu nhyɛso a ɛrekɔ so wɔ owia yi ase: Mihuu wɔn a wɔredi wɔn nya no nusu na wonni ɔwerɛkyekyefo biara; tumi no wɔ wɔn nhyɛsofo no nsam na wonni ɔwerɛkyekyefo biara.
Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge: Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge; nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban; humni gama cunqursitoota isaanii ture; isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban.
2 Na mekae se: Awufo a wɔawuwu dedaw no, ani gye sen ateasefo; wɔn a wɔda so wɔ nkwa mu no.
Anis akka warri duʼan, kanneen kanaan dura duʼan, jiraattota amma lubbuudhaan jiraatan caalan nan labse.
3 Na nea oye sen baanu yi ne nea onnya mmae, nea onnya nhuu bɔne a wɔyɛ wɔ owia yi ase.
Garuu namni hamma ammaatti hin dhalatin kan hammina aduudhaa gaditti hojjetamu hin argin, lachan isaanii irra wayya.
4 Na mihuu sɛ adwumayɛ mu ɔbrɛ ne nea onipa tumi yɛ nyinaa nnyinaso ne sɛ nʼani bere ne yɔnko. Eyi nso yɛ ahuhude, mmirika a wotu taa mframa.
Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
5 Ɔkwasea bobɔw ne nsa gu ne ho na ɔsɛe ne ho.
Gowwaan harka isaa maratee taaʼa; foonuma ofii isaas nyaata.
6 Nsammua baako a asomdwoe wɔ mu ye sen nsammua abien a ɔbrɛ bata ho; ɛte sɛ nea wotaa mframa.
Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan konyee lama argachuu irra nagaan konyee tokko argachuu wayya.
7 Afei nso mihuu biribi a ɛnka hwee wɔ owia yi ase:
Ani amma illee waan faayidaa hin qabne tokko aduudhaa gaditti nan arge:
8 Na ɔbarima bi wɔ hɔ a ɔyɛ ankonam; onni ɔbabarima anaa onuabarima. Nʼadwumaden amma nʼawie da, nanso nʼani ansɔ nʼahonya. Obisaa ne ho se, “Na hena na merebrɛ ama no, na adɛn nti na mede anigye kame me kra?” Eyi nso yɛ ahuhude, ɛyɛ ɔhaw kwa.
Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira; innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture. Yeroo hunda hojiitti dadhaba; taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu. Innis, “Ani eenyuuf jedheen dadhaba? Maaliifan gammachuus of laga?” jedhee gaafate. Kunis faayidaa hin qabu; hojii buʼaa hin qabnee dha!
9 Baanu ye sen ɔbaakofo, efisɛ wonya wɔn brɛ so mfaso a ɛsɔ ani:
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya:
10 Sɛ ɔbaako hwe ase a ne yɔnko betumi aboa no. Nanso onipa a ɔhwe ase a onni ɔboafo no, yɛ mmɔbɔ.
Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata!
11 Bio, sɛ baanu da bɔ mu a wɔka wɔn ho hyew. Na ɛbɛyɛ dɛn na ankonam bɛka ne ho hyew?
Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa; nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
12 Ɔbaakofo de, wobetumi aka no ahyɛ nanso baanu tumi pere wɔn ti. Hama a wɔawɔ no mmɛsa no, wontumi ntetew mu ntɛm.
Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
13 Ɔbabun nyansafo a odi hia ye sen ɔhene akwakoraa a ɔyɛ ɔkwasea na ontie kɔkɔbɔ bio.
Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya.
14 Ebia na ɔbabun no fi afiase na obedii ade anaasɛ wɔwoo no too ohia mu wɔ adehye abusua mu.
Inni yoo hiyyumaan mootummaa sana keessatti dhalate iyyuu mana hidhaatii baʼee mootii taʼuu dandaʼaatii.
15 Mihuu sɛ wɔn a wɔtenaa ase na wɔnantew owia yi ase nyinaa dii ɔbabun no akyi, nea odii ɔhene no ade no.
Ani akka namni aduudhaa gad jiraate hundi dargaggeessa mootii dhaalu sana duukaa buʼe nan arge.
16 Nnipadɔm a wontumi nkan wɔn dii nʼakyi. Nanso nkyirimma no ani annye ne ho. Eyi nso yɛ ahuhude, ɛte sɛ wotaa mframa.
Baayʼinni nama fuula isaanii dura jiruu hamma hin qabu ture. Warri duubaan dhufan garuu dargaggeessa dhaalu sanatti hin gammanne. Kun hundis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.

< Ɔsɛnkafo 4 >