< Ezgiler Ezgisi 6 >

1 Nereye gitti sevgilin, Ey güzeller güzeli, Ne yana yöneldi? Biz de onu arayalım seninle birlikte!
Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee eessa dhaqe? Akka nu si wajjin barbaannuuf michuun kee garamitti gore?
2 Bahçesine indi sevgilim, Güzel kokulu tarhlara, Bahçede gezinmek, zambak toplamak için.
Michuun koo iddoo biqiltuu keessa hoolota isaa tikfachuu fi daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
3 Ben sevgilime aitim, sevgilim de bana, Gezinip duruyor zambaklar arasında.
Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
4 Sevgilim, Tirsa kadar güzelsin, Yeruşalim kadar şirin, Sancak açmış bir ordu kadar görkemli.
Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; akkuma Yerusaalem namatti tolta; akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
5 Çevir gözlerini benden, Çünkü şaşırtıyorlar beni. Gilat Dağı'nın yamaçlarından inen Keçi sürüsünü andırıyor siyah saçların.
Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
6 Yeni yıkanmış, sudan çıkmış dişi koyun sürüsü gibi dişlerin, Hepsinin ikizi var; Yavrusunu yitiren yok aralarında.
Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
7 Peçenin ardındaki yanakların Nar parçası sanki.
Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
8 Altmış kraliçe, Seksen cariye, Sayısız bakire kız olabilir;
Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;
9 Ama bir tanedir benim eşsiz güvercinim, Biricik kızıdır annesinin, Gözbebeği kendisini doğuranın. Kızlar sevgilimi görünce, “Ne mutlu ona!” dediler. Kraliçeler, cariyeler onu övdüler.
gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
10 Kimdir bu kadın? Şafak gibi beliren, Ay kadar güzel, Güneş kadar parlak, Sancak açmış bir ordu kadar görkemli.
Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
11 Ceviz bahçesine indim, Yeşermiş vadiyi göreyim diye; Asma tomurcuk verdi mi, Narlar çiçek açtı mı bakayım diye.
Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, akka wayiniin hudhaa baase yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
12 Nasıl oldu farkına varmadan, Tutkum bindirdi beni soylu halkımın savaş arabalarına.
Utuu ani hin hubatin, lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
13 Dön, geri dön, ey Şulamlı kız, Dön, geri dön de seni seyredelim. Niçin Şulamlı kızı seyretmek istiyorsunuz, Mahanayim oyununu seyredercesine?
Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! Isa Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?

< Ezgiler Ezgisi 6 >