< Mezmurlar 34 >

1 Davut'un mezmuru Avimelek'in önünde kendini deli gösterip kovulduğu, gittiği zaman Her zaman RAB'be övgüler sunacağım, Övgüsü dilimden düşmeyecek.
Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
2 RAB'le övünürüm, Mazlumlar işitip sevinsin!
Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
3 Benimle birlikte RAB'bin büyüklüğünü duyurun, Adını birlikte yüceltelim.
Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
4 RAB'be yöneldim, yanıt verdi bana, Bütün korkularımdan kurtardı beni.
Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.
5 O'na bakanların yüzü ışıl ışıl parlar, Yüzleri utançtan kızarmaz.
Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
6 Bu mazlum yakardı, RAB duydu, Bütün sıkıntılarından kurtardı onu.
Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
7 RAB'bin meleği O'ndan korkanların çevresine ordugah kurar, Kurtarır onları.
Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
8 Tadın da görün, RAB ne iyidir, Ne mutlu O'na sığınan adama!
Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
9 RAB'den korkun, ey O'nun kutsalları, Çünkü O'ndan korkanın eksiği olmaz.
Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
10 Genç aslanlar bile aç ve muhtaç olur; Ama RAB'be yönelenlerden hiçbir iyilik esirgenmez.
Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
11 Gelin, ey çocuklar, dinleyin beni: Size RAB korkusunu öğreteyim.
Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
12 Kim yaşamdan zevk almak, İyi günler görmek istiyorsa,
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu?
13 Dilini kötülükten, Dudaklarını yalandan uzak tutsun.
Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
14 Kötülükten sakının, iyilik yapın; Esenliği amaçlayın, ardınca gidin.
Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
15 RAB'bin gözleri doğru kişilerin üzerindedir, Kulakları onların yakarışına açıktır.
Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
16 RAB kötülük yapanlara karşıdır, Onların anısını yeryüzünden siler.
yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
17 Doğrular yakarır, RAB duyar; Bütün sıkıntılarından kurtarır onları.
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
18 RAB gönlü kırıklara yakındır, Ruhu ezikleri kurtarır.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
19 Doğrunun dertleri çoktur, Ama RAB hepsinden kurtarır onu.
Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
20 Bütün kemiklerini korur, Hiçbiri kırılmaz.
lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu.
21 Kötü insanın sonu kötülükle biter, Cezasını bulur doğrulardan nefret edenler.
Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
22 RAB kullarını kurtarır, O'na sığınanların hiçbiri ceza görmez.
Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.

< Mezmurlar 34 >