< Mezmurlar 25 >
1 Davut'un mezmuru Ya RAB, bütün varlığımla sana yaklaşıyorum,
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
2 Ey Tanrım, sana güveniyorum, utandırma beni, Düşmanlarım zafer kahkahası atmasın!
Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
3 Sana umut bağlayan hiç kimse utanca düşmez; Nedensiz hainlik edenler utanır.
Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
4 Ya RAB, yollarını bana öğret, Yönlerini bildir.
Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
5 Bana gerçek yolunda öncülük et, eğit beni; Çünkü beni kurtaran Tanrı sensin. Bütün gün umudum sende.
ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
6 Ya RAB, sevecenliğini ve sevgini anımsa; Çünkü onlar öncesizlikten beri aynıdır.
Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
7 Gençlik günahlarımı, isyanlarımı anımsama, Sevgine göre anımsa beni, Çünkü sen iyisin, ya RAB.
Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
8 RAB iyi ve doğrudur, Onun için günahkârlara yol gösterir.
Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
9 Alçakgönüllülere adalet yolunda öncülük eder, Kendi yolunu öğretir onlara.
Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
10 RAB'bin bütün yolları sevgi ve sadakate dayanır Antlaşmasındaki buyruklara uyanlar için.
Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
11 Ya RAB, adın uğruna Suçumu bağışla, çünkü suçum büyük.
Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
12 Kim RAB'den korkarsa, RAB ona seçeceği yolu gösterir.
Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
13 Gönenç içinde yaşayacak o insan, Soyu ülkeyi sahiplenecek.
Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
14 RAB kendisinden korkanlarla paylaşır sırrını, Onlara açıklar antlaşmasını.
Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
15 Gözlerim hep RAB'dedir, Çünkü ayaklarımı ağdan O çıkarır.
Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
16 Halime bak, lütfet bana; Çünkü garip ve mazlumum.
Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
17 Yüreğimdeki sıkıntılar artıyor, Kurtar beni dertlerimden!
Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
18 Üzüntüme, acılarıma bak, Bütün günahlarımı bağışla!
Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
19 Düşmanlarıma bak, ne kadar çoğaldılar, Nasıl da benden nefret ediyorlar!
Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
20 Canımı koru, kurtar beni! Hayal kırıklığına uğratma, çünkü sana sığınıyorum!
Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
21 Dürüstlük, doğruluk korusun beni, Çünkü umudum sendedir.
Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
22 Ey Tanrı, kurtar İsrail'i Bütün sıkıntılarından!
Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!