< Çölde Sayim 16 >

1 Levi oğlu Kehat oğlu Yishar oğlu Korah, Ruben soyundan Eliavoğulları'ndan Datan, Aviram ve Pelet oğlu On toplulukça seçilen, tanınmış iki yüz elli İsrailli önderle birlikte Musa'ya başkaldırdı.
Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii
2
Museedhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture.
3 Hep birlikte Musa'yla Harun'un yanına varıp, “Çok ileri gittiniz!” dediler, “Bütün topluluk, topluluğun her bireyi kutsaldır ve RAB onların arasındadır. Öyleyse neden kendinizi RAB'bin topluluğundan üstün görüyorsunuz?”
Isaanis Musee fi Arooniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; Waaqayyos isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa Waaqayyoo irratti of tuultu ree?”
4 Bunu duyan Musa yüzüstü yere kapandı.
Museen dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame.
5 Sonra Korah'la yandaşlarına şöyle dedi: “Sabah RAB kimin kendisine ait olduğunu, kimin kutsal olduğunu açıklayacak ve o kişiyi huzuruna çağıracak. RAB seçeceği kişiyi huzuruna çağıracak.
Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama Waaqayyo nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha.
6 Ey Korah ve yandaşları, kendinize buhurdanlar alın.
Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii
7 Yarın RAB'bin huzurunda buhurdanlarınızın içine ateş, ateşin üstüne de buhur koyun. RAB'bin seçeceği kişi, kutsal olan kişidir. Ey Levililer, çok ileri gittiniz!”
bori fuula Waaqayyoo duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni Waaqayyo filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!”
8 Musa Korah'la konuşmasını şöyle sürdürdü: “Ey Levililer, beni dinleyin!
Museenis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa!
9 İsrail'in Tanrısı sizi kendi huzuruna çıkarmak için ayırdı. RAB'bin Konutu'nun hizmetini yapmanız, topluluğun önünde durmanız, onlara hizmet etmeniz için sizi İsrail topluluğunun arasından seçti. Sizi ve bütün Levili kardeşlerinizi huzuruna çıkardı. Bu yetmiyormuş gibi kâhinliği de mi istiyorsunuz?
Waaqni Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu Waaqayyoo hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu?
Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan.
11 Ey Korah, senin ve yandaşlarının böyle toplanması RAB'be karşı gelmektir. Harun kim ki, ona dil uzatıyorsunuz?”
Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii Waaqayyoon mormitan. Aroon isin itti guungumtan kun eenyuu dha?”
12 Sonra Musa Eliavoğulları Datan'la Aviram'ı çağırttı. Ama onlar, “Gelmeyeceğiz” dediler,
Museenis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu!
13 “Bizi çölde öldürtmek için süt ve bal akan ülkeden çıkardın. Bu yetmiyormuş gibi başımıza geçmek istiyorsun.
Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa?
14 Bizi süt ve bal akan ülkeye götürmediğin gibi mülk olarak bize tarlalar, bağlar da vermedin. Bu adamları kör mü sanıyorsun? Hayır, gelmeyeceğiz.”
Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!”
15 Çok öfkelenen Musa RAB'be, “Onların sunularını önemseme. Onlardan bir eşek bile almadım, üstelik hiçbirine de haksızlık etmedim” dedi.
Museen akka malee aaree Waaqayyoon, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe.
16 Sonra Korah'a, “Yarın sen ve bütün yandaşların –sen de, onlar da– RAB'bin önünde bulunmak için gelin” dedi, “Harun da gelsin.
Museen Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Aroon bori fuula Waaqayyoo duratti argamaa.
17 Herkes kendi buhurdanını alıp içine buhur koysun. İki yüz elli kişi birer buhurdan alıp RAB'bin önüne getirsin. Harun'la sen de buhurdanlarınızı getirin.”
Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Aroon girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.”
18 Böylece herkes buhurdanını alıp içine ateş, ateşin üstüne de buhur koydu. Sonra Musa ve Harun'la birlikte Buluşma Çadırı'nın giriş bölümünde durdular.
Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Musee fi Aroon wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate.
19 Korah bütün topluluğu Musa'yla Harun'un karşısında Buluşma Çadırı'nın giriş bölümünde toplayınca, RAB'bin görkemi bütün topluluğa göründü.
Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni Waaqayyoo waldaa guutuutti mulʼate.
20 RAB, Musa'yla Harun'a, “Bu topluluğun arasından ayrılın da onları bir anda yok edeyim” dedi.
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
“Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.”
22 Musa'yla Harun yüzüstü yere kapanarak, “Ey Tanrı, bütün insan ruhlarının Tanrısı!” dediler, “Bir kişi günah işledi diye bütün topluluğa mı öfkeleneceksin?”
Musee fi Aroon garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa Waaqayyo Waaqa hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?”
23 RAB Musa'ya, “Topluluğa söyle, Korah'ın, Datan'ın, Aviram'ın çadırlarından uzaklaşsınlar” dedi.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
“Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.”
25 Musa Datan'la Aviram'a gitti. İsrail'in ileri gelenleri onu izledi.
Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan.
26 Topluluğu uyararak, “Bu kötü adamların çadırlarından uzak durun!” dedi, “Onların hiçbir şeyine dokunmayın. Yoksa onların günahları yüzünden canınızdan olursunuz.”
Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe.
27 Bunun üzerine topluluk Korah, Datan ve Aviram'ın çadırlarından uzaklaştı. Datan'la Aviram çıkıp karıları, küçük büyük çocuklarıyla birlikte çadırlarının önünde durdular.
Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan.
28 Musa şöyle dedi: “Bütün bunları yapmam için RAB'bin beni gönderdiğini, kendiliğimden bir şey yapmadığımı şuradan anlayacaksınız:
Ergasii Museen akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf Waaqayyo akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu:
29 Eğer bu adamlar herkes gibi doğal bir ölümle ölür, herkesin başına gelen bir olayla karşılaşırlarsa, bilin ki beni RAB göndermemiştir.
Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe Waaqayyo na hin ergine.
30 Ama RAB yepyeni bir olay yaratırsa, yer yarılıp onları ve onlara ait olan her şeyi yutarsa, ölüler diyarına diri diri inerlerse, bu adamların RAB'be saygısızlık ettiklerini anlayacaksınız.” (Sheol h7585)
Garuu yoo Waaqayyo waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen Waaqayyoon tuffatan ni beektan.” (Sheol h7585)
31 Musa konuşmasını bitirir bitirmez Korah, Datan ve Aviram'ın altındaki yer yarıldı.
Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe;
32 Yer yarıldı, onları, ailelerini, Korah'ın adamlarıyla mallarını yuttu.
lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite.
33 Sahip oldukları her şeyle birlikte diri diri ölüler diyarına indiler. Yer onların üzerine kapandı. Topluluğun arasından yok oldular. (Sheol h7585)
Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman. (Sheol h7585)
34 Çığlıklarını duyan çevredeki İsrailliler, “Yer bizi de yutmasın!” diyerek kaçıştılar.
Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan.
35 RAB'bin gönderdiği ateş buhur sunan iki yüz elli adamı yakıp yok etti.
Ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe.
36 RAB Musa'ya şöyle dedi:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
37 “Kâhin Harun oğlu Elazar'a buhurdanları ateşin içinden çıkarmasını, ateş korlarını az öteye dağıtmasını söyle. Çünkü buhurdanlar kutsaldır.
“Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii.
38 İşledikleri günahtan ötürü öldürülen bu adamların buhurdanlarını levha haline getirip sunağı bunlarla kapla. Buhurdanlar RAB'be sunuldukları için kutsaldır. Bunlar İsrailliler için bir uyarı olsun.”
Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.”
39 Böylece Kâhin Elazar, yanarak ölen adamların getirdiği tunç buhurdanları RAB'bin Musa aracılığıyla kendisine söylediği gibi alıp döverek sunağı kaplamak için levha haline getirdi. Bu, İsrailliler'e Harun'un soyundan gelenlerden başka hiç kimsenin RAB'bin önüne çıkıp buhur yakmaması gerektiğini anımsatacaktı. Yoksa o kişi Korah'la yandaşları gibi yok olacaktı.
Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume.
Kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Aroon malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif.
41 Ertesi gün bütün İsrail topluluğu Musa'yla Harun'a söylenmeye başladı. “RAB'bin halkını siz öldürdünüz” diyorlardı.
Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba Waaqayyoo fixxan” jedhanii Musee fi Aroonitti guunguman.
42 Topluluk Musa'yla Harun'a karşı toplanıp Buluşma Çadırı'na doğru yönelince, çadırı ansızın bulut kapladı ve RAB'bin görkemi göründü.
Garuu yeroo waldaan sun Musee fi Arooniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni Waaqayyoos ni mulʼate.
43 Musa'yla Harun Buluşma Çadırı'nın önüne geldiler.
Musee fi Aroon gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan;
44 RAB Musa'ya, “Bu topluluğun arasından ayrılın da onları birden yok edeyim” dedi. Musa'yla Harun yüzüstü yere kapandılar.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
“Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman.
46 Sonra Musa Harun'a, “Buhurdanını alıp içine sunaktan ateş koy, üstüne de buhur koy” dedi, “Günahlarını bağışlatmak için hemen topluluğa git. Çünkü RAB öfkesini yağdırdı. Öldürücü hastalık başladı.”
Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi Waaqayyo biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.”
47 Harun Musa'nın dediğini yaparak buhurdanını alıp topluluğun ortasına koştu. Halkın arasında öldürücü hastalık başlamıştı. Harun buhur sunarak topluluğun günahını bağışlattı.
Aroon akkuma Museen jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Aroon garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse.
48 O ölülerle dirilerin arasında durunca, öldürücü hastalık da dindi.
Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate.
49 Korah olayında ölenler dışında, öldürücü hastalıktan ölenlerin sayısı 14 700 kişiydi.
Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume.
50 Öldürücü hastalık dindiğinden, Harun Musa'nın yanına, Buluşma Çadırı'nın giriş bölümüne döndü.
Aroon sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Museetti deebiʼe.

< Çölde Sayim 16 >