< Ağitlar 4 >

1 Altın nasıl donuklaştı, Saf altın nasıl değişti! Kutsal taşlar sokak başlarına dağılmış.
Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! Dhagaawwan iddoo qulqulluu fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.
2 Değerleri saf altınla ölçülen Siyon çocukları Nasıl çömlekçi işi, toprak testi yerine sayılır oldu!
Ilmaan Xiyoon kanneen akka warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun amma akkamitti akka okkotee supheetti, akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!
3 Çakallar bile meme verip yavrularını emzirir, Ama halkım çöldeki devekuşları kadar acımasız oldu.
Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf harma isaanii ni kennu; sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii gara jabeessa taʼeera.
4 Susuzluktan emzikteki bebeklerin dili damağına yapışıyor, Çocuklar ekmek istiyor, veren yok.
Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii laagaatti maxxana; ijoolleen buddeena kadhatti: garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.
5 Onlar ki, yemeğin en iyisini yerlerdi, Sokaklarda perişan oldular; Onlar ki, al giysiler içinde büyüdüler, Çöp yığınlarını kapışır oldular.
Warri dur cidha nyaachaa turan, rakkatanii daandii irra jiru. Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan harʼa tuullaa dikee hammatu.
6 Halkımın suçu el değmeden, bir anda yıkılan Sodom'un günahından daha büyüktür.
Adabbiin yakka saba koo adabbii yakka Sodoom kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.
7 Beyleri kardan temiz, sütten aktılar, Bedence mercandan kızıl, laciverttaşı kadar biçimliydiler.
Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaa adaadii turan; dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.
8 Şimdiyse görünüşleri kömürden kara, Sokaklarda tanınmaz oldular. Bir deri bir kemiğe döndüler, odun gibi kurudular.
Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; akka mukaas gogeera.
9 Kılıçla öldürülenler kıtlıktan ölenlerden mutludur, Çünkü kıtlıktan ölenler tarla ürününün yokluğundan yıpranarak erimekteler.
Warra beelaan dhumanii mannaa, warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii beelaan alatti goggoganii dhumu.
10 Merhametli kadınlar çocuklarını elleriyle pişirdiler, Halkım kırılırken yiyecek oldu bu kendilerine.
Yeroo sabni koo dhumetti dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin akka nyaata isaanii taʼaniif ijoollee ofii affeelan.
11 RAB öfkesini boşalttı, kızgın öfkesini döktü, Temellerini yiyip bitiren ateşi Siyon'un içinde tutuşturdu.
Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. Xiyoon keessattis ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.
12 Dünyadaki kralların ve insanların hiçbiri Yeruşalim kapılarından hasımların, düşmanların gireceğine inanmazdı.
Akka diinonni yookaan amajaajonni karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, mootonni biyya lafaa yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.
13 Peygamberlerinin günahı, kâhinlerinin suçu yüzündendi bu, Çünkü onlar kentin ortasında doğruların kanını döktüler.
Garuu wanni kun sababii cubbuu raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiif taʼe.
14 Sokaklarda körler gibi dolaşıyorlar, Kanla kirlendikleri için kimse giysilerine dokunamıyor.
Isaan akkuma jaamotaa daandii irra gatantaru. Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.
15 “Çekilin! Kirliler!” diye bağırdılar onlara, “Çekilin! Çekilin! Dokunmayın!” Kaçıp başıboş dolaştıklarında, Öteki uluslar, “Artık burada kalmasınlar” dediler.
Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.
16 RAB kendisi dağıttı onları, Artık yüzlerine bakmayacak. Kâhinleri saymadılar, yaşlılara acımadılar.
Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; inni siʼachi isaan hin eegu. Luboonni hin kabajamne; maanguddoonni surraa hin arganne.
17 Boş yere yardım beklemekten gözlerimizin feri sönüyor, Gözetleme kulesinde bizi kurtaramayacak bir ulusu bekledikçe bekledik.
Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan iji keenya dadhabe; gamoo keenya irra teenyee saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.
18 İzlerimizi sürüyorlar, Sokaklarımızda gezemez olduk. Sonumuz yaklaştı, günlerimiz tükendi, Çünkü sonumuz geldi.
Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef namoonni tarkaanfii keenya eegu. Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru; badiisni keenya dhufeeraatii.
19 Bizi kovalayanlar gökteki kartallardan çevikti, Dağların üstünde kovaladılar bizi, Çölde bize pusu kurdular.
Warri nu ariʼan risaa samii caalaa saffisu; isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.
20 Yaşam soluğumuz, RAB'bin meshettiği kral onların çukurunda yakalandı; Hani onun için, “Ulusların arasında onun gölgesinde yaşayacağız” dediğimiz.
Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, kiyyoo isaaniitiin qabame. Nu waan gaaddidduu isaa jala, Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.
21 Ûs ülkesinde yaşayan Edom kızı, sevin, coş, Ancak kâse sana da gelecek, sarhoş olup soyunacaksın.
Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu ati ililchi, gammadis. Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; atis machooftee qullaa kee hafta.
22 Ey Siyon kızı, suçunun cezası sona erdi, RAB bir daha seni sürgüne göndermeyecek. Ama, ey Edom kızı, suçun yüzünden seni cezalandırıp günahlarını ortaya çıkaracak.
Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; hammina kees ifatti baasa.

< Ağitlar 4 >