< Yunus 4 >

1 Yunus buna çok gücenip öfkelendi.
Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare.
2 RAB'be şöyle dua etti: “Ah, ya RAB, ben daha ülkemdeyken böyle olacağını söylemedim mi? Bu yüzden Tarşiş'e kaçmaya kalkıştım. Biliyordum, sen lütfeden, acıyan, tez öfkelenmeyen, sevgisi engin, cezalandırmaktan vazgeçen bir Tanrı'sın.
Akkana jedhees Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka.
3 Ya RAB, lütfen şimdi canımı al. Çünkü benim için ölmek yaşamaktan iyidir.”
Yaa Waaqayyo jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.”
4 RAB, “Ne hakla öfkeleniyorsun?” diye karşılık verdi.
Waaqayyo garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen.
5 Yunus kentten çıktı, kentin doğusundaki bir yerde durdu. Kendisine bir çardak yaptı, gölgesinde oturup kentin başına neler geleceğini görmek için beklemeye başladı.
Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege.
6 RAB Tanrı Yunus'un üzerine gölge salacak, sıkıntısını giderecek bir keneotu sağladı. Yunus buna çok sevindi.
Waaqayyo Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade.
7 Ama ertesi gün şafak sökerken, Tanrı'nın sağladığı bir bitki kurdu keneotunu kemirip kuruttu.
Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge.
8 Güneş doğunca Tanrı yakıcı bir doğu rüzgarı estirdi. Yunus başına vuran güneşten bayılmak üzereydi. Ölümü dileyerek, “Benim için ölmek yaşamaktan iyidir” dedi.
Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe.
9 Ama Tanrı, “Keneotu yüzünden öfkelenmeye hakkın var mı?” dedi. Yunus, “Elbette hakkım var, ölesiye öfkeliyim” diye karşılık verdi.
Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe.
10 RAB, “Keneotu bir gecede çıktı ve bir gecede yok oldu” dedi, “Sen emek vermediğin, büyütmediğin bir keneotuna acıyorsun da,
Waaqayyo garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe.
11 ben Ninova'ya, o koca kente acımayayım mı? O kentte sağını solundan ayırt edemeyen yüz yirmi bini aşkın insan, çok sayıda hayvan var.”
Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”

< Yunus 4 >