< Yeremya 8 >

1 “‘O zaman, diyor RAB, Yahuda krallarıyla önderlerinin, kâhinlerin, peygamberlerin, Yeruşalim'de yaşamış olanların kemikleri mezarlarından çıkarılacak.
“‘Bara sana lafeen moototaatii fi qondaaltota Yihuudaa, lafeen lubootaatii fi raajotaa, lafeen namoota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni baafama’ jedha Waaqayyo.
2 Toplanmayacak, gömülmeyecek kemikler, toprağın üzerinde gübre gibi olacaklar. Yeruşalim halkının sevdiği, kulluk ettiği, izlediği, danıştığı, taptığı güneşin, ayın, gök cisimlerinin önüne serilecekler.
‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
3 Bu kötü ulustan bütün sağ kalanlar, kendilerini sürdüğüm yerlerde yaşayanlar, ölümü yaşama yeğleyecekler. Her Şeye Egemen RAB böyle diyor.’
Hambaan saba hamaa kanaa hundi lafa ani itti isaan ariʼu hundatti jireenya irra duʼa filata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
4 “Onlara de ki, ‘RAB şöyle diyor: “‘İnsan yere düşer de kalkmaz mı, Yoldan sapar da geri dönmez mi?
“Ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Namoonni yoo kufan hin kaʼanii? Namni tokko yoo karaa irraa bade hin deebiʼuu?
5 Öyleyse neden bu halk yoldan saptı? Neden Yeruşalim sürekli döneklik ediyor? Hileye yapışıyor, Geri dönmeyi reddediyorlar.
Yoos sabni kun maaliif karaa irraa jalʼata? Yerusaalem maaliif yeroo hunda karaa irraa jalʼatti? Isaan gowwoomsaatti cichu; deebiʼuus ni didu.
6 Dikkatle dinledim, Ama doğru söylemiyorlar. Kimse, ne yaptım, diyerek kötülüğünden pişmanlık duymuyor. Savaşta seğirten at gibi Herkes kendi yoluna gidiyor.
Ani qalbeeffadhee dhaggeeffadheera; isaan garuu waan qajeelaa hin dubbatan. Namni tokko iyyuu, “Ani maalan balleesse?” jedhee hammina isaa irraa hin deebiʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma farda lolatti gulufuu karaa ofii isaanii irra qajeelu.
7 Gökteki leylek bile Belli mevsimlerini bilir. Kumru da kırlangıç da turna da Göç etme zamanını gözetir. Oysa halkım buyruklarımı bilmez.
Huummoon samii keessaa iyyuu waqtii isheef murtaaʼe ni beekti; gugeen, daalotee fi cuquliisnis yeroo godaansa isaanii ni eegu. Sabni koo garuu seera Waaqayyoo hin beeku.
8 “‘Nasıl, biz bilge kişileriz, RAB'bin Yasası bizdedir, diyebiliyorsunuz? İşte, bilginlerin yalancı kalemi Yasayı yalana çevirmiş.
“‘Isin akkamitti, “Nu seera Waaqayyoo waan qabnuuf ogeeyyii dha” jechuu dandeessu? Garuu kunoo, qalamni sobaa kan barreessitootaa sobee barreesseera.
9 Bilgeler utandırıldı, Yıldırılıp ele geçirildi. RAB'bin sözünü reddettiler. Nasıl bir bilgelikmiş onlarınki?
Namoonni ogeeyyiin ni qaaneffamu; isaan naʼanii kiyyoodhaan ni qabamu; isaan erga dubbii Waaqayyoo tuffatanii, ogummaa akkamii qabu ree?
10 Bundan ötürü karılarını başkalarına, Tarlalarını sahiplenecek yeni kişilere vereceğim. Küçük büyük herkes kazanç peşinde, Peygamberler, kâhinler, hepsi halkı aldatıyor.
Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
11 Esenlik yokken, Esenlik, esenlik, diyerek Halkımın yarasını sözde iyileştirdiler.
Isaan madaa saba kootii, akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis “Nagaa, nagaa” jedhu.
12 Yaptıkları iğrençliklerden utandılar mı? Hayır, ne utanması? Kızarıp bozarmanın ne olduğunu bile bilmiyorlar. Bu yüzden onlar da düşenlerin arasında yer alacak, Cezalandırıldıklarında sendeleyip düşecekler’ diyor RAB.
Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo adabamanitti gad gatamu jedha Waaqayyo.
13 “‘Onları büsbütün yok edeceğim, diyor RAB, Ne asmada üzüm kalacak, Ne incir ağacında incir. Yaprakları solup kuruyacak. Onlara ne verdiysem, Ellerinden alınacak.’”
“‘Ani guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; jedha Waaqayyo. Wayinii irratti iji hin argamu. Iji harbuu muka harbuu irratti hin argamu. Baalli isaaniis ni coollaga. Wanni ani isaaniif kenne isaan irraa ni fudhatama.’”
14 “Neden burada oturup duruyoruz? Toplanalım da surlu kentlere kaçalım, Orada ölelim! Tanrımız RAB bizi ölüme terk etti, Bize zehirli su içirdi. Çünkü O'na karşı günah işledik.
Nu maaliif as teenya? Walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannee achitti haa dhumnu! Waan nu cubbuu isatti hojjenneef Waaqayyo Waaqni keenya badiisatti dabarsee nu kenneeraatii; akka dhugnuufis bishaan summaaʼaa nuu kenneera.
15 Esenlik bekledik, iyilik gelmedi. Şifa umduk, yılgınlık bulduk.
Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu goolii qofatu ture.
16 Düşman atlarının hırıltısı Dan bölgesinden duyuluyor, Aygırlarının kişnemesinden Bütün ülke titriyor. Ülkeyi ve içindeki her şeyi, Kenti ve orada yaşayanları Yok etmeye geliyorlar.”
Daan keessaa korrisuu fardeen diinaatu dhagaʼama; guutuun biyyattii himimsuu korommii fardeen isaaniitiin hollatti. Isaan biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda, magaalaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda, balleessuuf dhufaniiru.
17 “Bakın, aranıza yılanlar, Büyüden etkilenmeyen engerekler göndereceğim, Sizi sokacaklar” diyor RAB.
“Ani kunoo bofa hadhaa qabu, buutii falfalli dawweessuu hin dandeenye isinitti nan erga; isaanis isin iddu” jedha Waaqayyo.
18 Üzüntüm avutulamaz, Yüreğim baygın,
Yaa isa gadda keessatti na Jajjabeessitu, onneen koo na keessatti gaggabdeerti.
19 Ülkenin en uzak köşelerinden Halkımın feryadını dinleyin: “RAB Siyon'da değil mi? Kralı orada değil mi?” RAB, “Putlarıyla, İşe yaramaz yabancı ilahlarıyla Neden öfkelendiriyorlar beni?” diyor.
Kunoo, iyyi saba kootii biyya fagoodhaa ni dhagaʼama: “Waaqayyo Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin ishee achi hin jiruu?” “Isaan maaliif fakkiiwwan isaaniitiin, waaqota isaanii tolfamoo biyya ormaatiin dheekkamsaaf na kakaasu?”
20 “Ürün biçme zamanı geçti, Yaz sona erdi, Biz ise kurtulmadık” diye haykırıyorlar.
“Yeroon itti midhaan galfamu darbeera; bonnis hobbaʼeera; nu garuu hin fayyine.”
21 Halkımın yarasından ben de yaralandım. Yasa büründüm, dehşete düştüm.
Sabni koo waan miidhameef anis miidhameera; Ani nan booʼe; sodaan guddaanis na qabate.
22 Gilat'ta merhem yok mu, Hekim yok mu? Öyleyse halkımın yarası neden iyi edilmedi?
Qorichi dibatan Giliʼaad keessa hin jiruu? Abbaan qorichaa tokko iyyuu achi hin jiruu? Yoos madaan intala saba kootii maaliif hin fayyu ree?

< Yeremya 8 >