< Yeremya 37 >

1 Babil Kralı Nebukadnessar'ın Yahuda'ya atadığı Yoşiya oğlu Sidkiya, Yehoyakim oğlu Yehoyakin'in yerine kral oldu.
Nebukadnezar mootichi Baabilon Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mootii Yihuudaa taasise; innis iddoo Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim buʼee mootii taʼe.
2 Ama kendisi de görevlileriyle ülke halkı da RAB'bin Peygamber Yeremya aracılığıyla söylediği sözleri dikkate almadılar.
Garuu inni yookaan tajaajiltoonni isaa yookaan sabni biyya sanaa dubbii Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin dubbate sana hin qalbeeffanne.
3 Kral Sidkiya, Şelemya oğlu Yehukal'la Maaseya oğlu Kâhin Sefanya'yı şu haberle Peygamber Yeremya'ya gönderdi: “Lütfen bizim için Tanrımız RAB'be yalvar.”
Taʼus Zedeqiyaa mootichi, “Maaloo Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu” jedhee Yehuukal ilma Shelemiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaas raajichaatti erge.
4 O sırada Yeremya daha cezaevine konmamıştı, halk arasında dolaşıyordu.
Ermiyaas waan yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfaminiif sodaa malee saba gidduu ni deddeebiʼa ture.
5 Firavunun ordusu Mısır'dan çıkmıştı. Yeruşalim'i kuşatma altında tutan Kildaniler bu haberi duyunca Yeruşalim'den çekildiler.
Loltoonni Faraʼoon Gibxii baʼanii turan; Baabilononni Yerusaalemin marsanii turanis yommuu waan kana dhagaʼanitti Yerusaalemin dhiisanii baʼan.
6 Derken RAB Peygamber Yeremya'ya şöyle seslendi:
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
7 “İsrail'in Tanrısı RAB diyor ki: Danışmak için sizi bana gönderen Yahuda Kralı'na şöyle deyin: ‘Size yardım etmek için Mısır'dan çıkıp gelen firavunun ordusu ülkesine dönecek.
“Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Mooticha Yihuudaa isa akka isin waa na gaafattaniif isin erge sanaan akkana jedhaa; ‘Loltoonni Faraʼoon kanneen isin gargaaruuf dhufan sun gara biyya isaanii, gara Gibxitti ni deebiʼu.
8 Kildaniler de dönecek; bu kentle savaşıp onu ele geçirecek, ateşe verecekler.’
Ergasii Baabilononni deebiʼanii magaalaa kana ni dhaʼu; ni qabatu; ni gubus.’
9 “RAB diyor ki, ‘Kildaniler üzerimizden çekilip gidecek’ diyerek kendinizi aldatmayın. Çünkü çekilip gitmeyecekler!
“Waaqayyo akkana jedha: ‘Baabilononni dhugumaan nu dhiisanii deemu’ jettanii yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa; isaan hin deemaniitii!
10 Sizinle savaşan bütün Babil ordusunu bozguna uğratsanız, çadırlarında yalnız yaralılar kalsa bile, bunlar çadırlardan çıkıp bu kenti ateşe verecekler.”
Utuu isin loltoota Baabilonotaa kanneen isin lolaa jiran kana hunda moʼattanii warri madaaʼan qofti dunkaana isaanii keessatti hafanii iyyuu isaan gad baʼanii magaalaa kana ni gubu.”
11 Firavunun ordusu yüzünden Babil ordusu Yeruşalim'den çekilince,
Erga loltoonni Baabilonotaa sababii waraana Faraʼooniif jedhanii Yerusaalemin dhiisanii baʼanii as,
12 Peygamber Yeremya Benyamin topraklarındaki halkın arasında payına düşen mirası almak üzere Yeruşalim'den gitmek istedi. Benyamin Kapısı'na vardığında, Hananya oğlu Şelemya oğlu bekçibaşı Yiriya, “Sen Kildaniler'in tarafına geçiyorsun!” diyerek onu tutukladı.
Ermiyaas saba achi jiraatu keessaa qooda qabeenyaa kan isa gaʼu argachuuf jedhee Yerusaalemii kaʼee biyya Beniyaam dhaqe.
Garuu yeroo inni karra Beniyaam bira gaʼetti Yiriyaan ilmi Shelemiyaa, ilmi Hanaaniyaa itti gaafatamaan eegumsaa sun, “Ati gara Baabilonotaatti sokkaa jirta!” jedhee Ermiyaas raajicha qabee hidhe.
14 Yeremya, “Yalan!” dedi, “Ben Kildaniler'in tarafına geçmiyorum.” Ama Yiriya onu dinlemedi. Yeremya'yı tutuklayıp önderlere götürdü.
Ermiyaas immoo, “Kun dhugaa miti! Ani gara Baabilonotaatti sokkuutti hin jiru” jedhe. Yiriyaan garuu isa dhagaʼuu dide; qooda kanaa Ermiyaasin qabee qondaaltotatti dhiʼeesse.
15 Yeremya'ya öfkelenen önderler onu dövdürtüp cezaevine çevirdikleri Yazman Yonatan'ın evine kapattılar.
Isaanis Ermiyaasitti aaranii isa tuman; mana Yoonaataan barreessaa sanaa kan mana hidhaa godhatan sana keessatti isa hidhan.
16 Böylece bodrumda bir hücreye kapatılan Yeremya uzun süre orada kaldı.
Ermiyaasis kutaa mana boollaa keessa buufame; achis yeroo dheeraa ture.
17 Sonra Kral Sidkiya Yeremya'yı sarayına getirtti. Orada kendisine gizlice, “RAB'den bir söz var mı?” diye sordu. “Evet” diye yanıtladı Yeremya, “Babil Kralı'nın eline verileceksin.”
Ergasii Zedeqiyaa Mootichi nama itti ergee gara masaraa ofii isaatti isa fichisiise. Achittis kophaatti baasee, “Dubbiin Waaqayyo biraa dhufe tokko iyyuu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ermiyaasis, “Eeyyee; ati dabarfamtee mootii Baabiloniitti ni kennamta” jedhee deebise.
18 Sonra Kral Sidkiya'ya şöyle dedi: “Sana, görevlilerine ve bu halka karşı ne günah işledim ki beni cezaevine kapattınız?
Ergasiis Ermiyaas, Zedeqiyaas mootichaan akkana jedhe; “Ani sitti yookaan qondaaltota keetti yookaan saba kanatti balleessaa maalii hojjennaan isin mana hidhaa keessa na buuftan?
19 ‘Babil Kralı sana da bu ülkeye de saldırmayacak’ diyen peygamberlerin hani nerede?
Raajonni kee warri, ‘Mootiin Baabilon siʼi yookaan biyya kana hin lollu’ jedhanii raajii siif dubbatan sun eessa jiru?
20 Şimdi lütfen beni dinle, ey efendim kral! Lütfen dileğimi kabul et. Beni Yazman Yonatan'ın evine geri gönderme. Orada ölmek istemiyorum.”
Amma garuu gooftaa koo yaa mootichaa, maaloo na dhagaʼi. Ani iyyata koo fuula kee duratti nan dhiʼeeffadhaatii, mana Yoonaataan barreessaa sanaatti deebiftee na hin ergin; yoo ati na ergite ani achumatti duʼaatii.”
21 Bunun üzerine Kral Sidkiya Yeremya'nın muhafız avlusuna kapatılmasını, kentteki ekmek bitene dek her gün fırıncılar sokağından kendisine bir ekmek verilmesini buyurdu. Böylece Yeremya muhafız avlusunda kaldı.
Kana irratti Zedeqiyaa Mootichi akka Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa kaaʼamuu fi akka isaan hamma buddeenni magaalaa sanaa dhumutti guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko warra buddeena tolchan irraa fuudhanii isaaf kennan ajaje. Akkasiin Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa ture.

< Yeremya 37 >