< Yeşaya 31 >

1 Vay haline yardım bulmak için Mısır'a inenlerin! Atlara, çok sayıdaki savaş arabalarına, Kalabalık atlılara güveniyorlar, Ama İsrail'in Kutsalı'na güvenmiyor, RAB'be yönelmiyorlar.
Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif, warra fardeen abdataniif warra gaariiwwan isaaniitii fi jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle yookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.
2 Oysa bilge olan RAB'dir. Felaket getirebilir ve sözünü geri almaz. Kötülük yapan soya, Suç işleyenlerin yardımına karşı çıkar.
Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa; inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu. Inni mana hamootaatti, warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.
3 Mısırlılar Tanrı değil, insandır, Atları da ruh değil, et ve kemiktir. RAB'bin eli kalkınca yardım eden tökezler, Yardım gören düşer, hep birlikte yok olurlar.
Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti; fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti. Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti, inni gargaaru ni gufata; inni gargaaramus ni kufa; isaan lachuu walii wajjin badu.
4 Çünkü RAB bana dedi ki, “Avının başında homurdanan aslan Bir araya çağrılan çobanlar topluluğunun Bağırıp çağırmasından yılmadığı, gürültüsüne aldırmadığı gibi, Her Şeye Egemen RAB de Siyon Dağı'nın doruğuna inip savaşacak.
Waaqayyo akkana naan jedha: “Akkuma leenci, leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana, tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu, inni iyya isaanii hin sodaatu; yookaan waca isaaniitiin hin raafamu; akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.
5 Her Şeye Egemen RAB Kanat açmış kuşlar gibi koruyacak Yeruşalim'i. Koruyup özgür kılacak, esirgeyip kurtaracak onu.”
Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa; inni gaachana taʼeefii ishee baraara; ishee bira darba; ishee oolchas.”
6 Ey İsrailoğulları, Bunca vefasızlık ettiğiniz RAB'be dönün.
Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa.
7 Çünkü hepiniz günahkâr ellerinizle yaptığınız Altın ve gümüş putları o gün reddedip atacaksınız.
Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
8 Asur kılıca yenik düşecek, Ama insan kılıcına değil. Halkı kılıçtan geçirilecek, Ama bu insan kılıcı olmayacak. Kimileri kaçıp kurtulacak, Gençleri de angaryaya koşulacak.
“Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti; goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa. Isaan goraadee duraa baqatu; dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.
9 Asur Kralı dehşet içinde kaçacak, Önderleri sancağı görünce dehşete kapılacak. Siyon'da ateşi, Yeruşalim'de ocağı bulunan RAB söylüyor bunları.
Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga; ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu” jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.

< Yeşaya 31 >