< Yaratiliş 46 >

1 İsrail sahip olduğu her şeyle birlikte yola çıktı. Beer-Şeva'ya varınca, orada babası İshak'ın Tanrısı'na kurbanlar kesti.
Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Waaqa abbaa isaa Waaqa Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse.
2 O gece Tanrı bir görümde İsrail'e, “Yakup, Yakup!” diye seslendi. Yakup, “Buradayım” diye yanıtladı.
Waaqnis halkan mulʼataan, “Yaaqoob! Yaaqoob!” jedhee Israaʼelitti dubbate. Innis, “Kunoo ani as jira” jedhee deebise.
3 Tanrı, “Ben Tanrı'yım, babanın Tanrısı” dedi, “Mısır'a gitmekten çekinme. Soyunu orada büyük bir ulus yapacağım.
Waaqnis akkana jedhe; “Ani Waaqayyo, Waaqa abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii.
4 Seninle birlikte Mısır'a gelecek, soyunu bu ülkeye geri getireceğim. Senin gözlerini Yusuf'un elleri kapayacak.”
Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yooseftu ija kee walitti siif qaba.”
5 Yakup Beer-Şeva'dan ayrıldı. Oğulları Yakup'u –İsrail'i– götürmek üzere firavunun gönderdiği arabalara onu, kendi çocuklarıyla karılarını bindirdiler.
Yaaqoobis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaqoob, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaqoobin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan.
6 Yakup, bütün ailesini –oğullarını, kızlarını, torunlarını– hayvanlarını ve Kenan ülkesinde kazandığı malları yanına alarak Mısır'a gitti.
Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan.
7
Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane.
8 İsrail'in Mısır'a giden oğullarının –Yakup'la oğullarının– adları şunlardır: Yakup'un ilk oğlu Ruben.
Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaqoobii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha: Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob hangafticha.
9 Ruben'in oğulları: Hanok, Pallu, Hesron, Karmi.
Ilmaan Ruubeen: Henook, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
10 Şimon'un oğulları: Yemuel, Yamin, Ohat, Yakin, Sohar ve Kenanlı bir kadının oğlu Şaul.
Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zooharii fi Shaawul ilma dubartii Kanaʼaan sanaa.
11 Levi'nin oğulları: Gerşon, Kehat, Merari.
Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
12 Yahuda'nın oğulları: Er, Onan, Şela, Peres, Zerah. Ancak Er'le Onan Kenan ülkesinde ölmüştü. Peres'in oğulları: Hesron, Hamul.
Ilmaan Yihuudaa: Eeri, Oonaan, Sheelaa, Faaresii fi Zaaraa. Eerii fi Oonaan garuu biyya Kanaʼaanitti duʼan. Ilmaan Faares: Hezroonii fi Hamuul.
13 İssakar'ın oğulları: Tola, Puvva, Yov, Şimron.
Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimroon.
14 Zevulun'un oğulları: Seret, Elon, Yahleel.
Ilmaan Zebuuloon: Sered, Eeloonii fi Yahiliʼeel.
15 Bunlar Lea'nın Yakup'a doğurduğu oğullardır. Lea onları ve kızı Dina'yı Paddan-Aram'da doğurmuştu. Yakup'un bu oğullarıyla kızları toplam otuz üç kişiydi.
Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaqoobiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan.
16 Gad'ın oğulları: Sifyon, Hagi, Şuni, Esbon, Eri, Arodi, Areli.
Ilmaan Gaad: Ziifiyon, Hagii, Shuunii, Esboon, Eerii, Aroodii fi Ariʼeel.
17 Aşer'in çocukları: Yimna, Yişva, Yişvi, Beria; kızkardeşleri Serah. Beria'nın oğulları: Hever, Malkiel.
Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaaniis Seraa dha. Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel.
18 Bunlar Lavan'ın kızı Lea'ya verdiği Zilpa'nın Yakup'a doğurduğu çocuklardır. Toplam on altı kişiydiler.
Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaqoobiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan.
19 Yakup'un karısı Rahel'in oğulları: Yusuf, Benyamin.
Ilmaan Raahel niitii Yaaqoob: Yoosefii fi Beniyaam.
20 Yusuf'un Mısır'da On Kenti kâhini Potifera'nın kızı Asenat'tan Manaşşe ve Efrayim adında iki oğlu oldu.
Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yoosefiif dhalatan.
21 Benyamin'in oğulları: Bala, Beker, Aşbel, Gera, Naaman, Ehi, Roş, Muppim, Huppim, Ard.
Ilmaan Beniyaam: Belaa, Beker, Ashbeel, Geeraa, Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muufiim, Hufiimii fi Ardi.
22 Bunlar Rahel'in Yakup'a doğurduğu çocuklardır. Toplam on dört kişiydiler.
Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaqoobiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan.
23 Dan'ın oğlu: Huşim.
Ilmi Daan: Hushiimii dha.
24 Naftali'nin oğulları: Yahseel, Guni, Yeser, Şillem.
Ilmaan Niftaalem: Yahizeel, Guunii, Yeexerii fi Shiileem.
25 Bunlar Lavan'ın, kızı Rahel'e verdiği Bilha'nın Yakup'a doğurduğu çocuklardır. Toplam yedi kişiydiler.
Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaqoobiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan.
26 Oğullarının karıları dışında Yakup'un soyundan gelen ve onunla birlikte Mısır'a gidenler toplam altmış altı kişiydi. Bunların hepsi Yakup'tan olmuştu.
Namoonni Yaaqoob wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan.
27 Yusuf'un Mısır'da doğan iki oğluyla birlikte Mısır'a göçen Yakup ailesi toplam yetmiş kişiydi.
Ilmaan Gibxitti Yoosefiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaqoob warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan.
28 Yakup Goşen yolunu göstermesi için Yahuda'yı önden Yusuf'a gönderdi. Onlar Goşen'e varınca,
Yaaqoobis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yoosefitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti,
29 Yusuf arabasını hazırlayıp babası İsrail'i karşılamak üzere Goşen'e gitti. Babasını görür görmez boynuna sarılıp uzun uzun ağladı.
Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.
30 İsrail Yusuf'a, “Yüzünü gördüm ya, artık ölsem de gam yemem” dedi, “Yaşıyorsun!”
Israaʼelis Yoosefiin, “Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu” jedhe.
31 Yusuf kardeşleriyle babasının ev halkına şöyle dedi: “Gidip firavuna haber vereyim, ‘Kenan ülkesinde yaşayan kardeşlerimle babamın ev halkı yanıma geldi’ diyeyim.
Yoosefis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; “Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru.
32 Çoban olduğunuzu, hayvancılık yaptığınızı, bu yüzden davarlarınızla sığırlarınızı ve her şeyinizi birlikte getirdiğinizi anlatayım.
Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’
33 Firavun sizi çağırıp da, ‘Ne iş yaparsınız?’ diye sorarsa,
Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate,
34 ‘Atalarımız gibi biz de çocukluktan beri hayvancılık yapıyoruz’ dersiniz. Öyle deyin ki, sizi Goşen bölgesine yerleştirsin. Çünkü Mısırlılar çobanlardan iğrenir.”
‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa.”

< Yaratiliş 46 >